1 Egaa Ibraahim inni fooniin abbaa keenya taʼe sun haala kanaan maal argate jenna ree? 2 Ibraahim utuu hojiin qajeelaa taasifamee jiraatee silaa waan ittiin of jaju qaba ture; fuula Allaaha duratti garuu akkas miti. 3 Katabbiin Qulqulluun maal jedha? "Ibraahim Allaah amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef."
4 Nama hojjetu tokkoof Mindaan gatiidha malee akka kennaa tolaatti hin hedamu. 5 Taʼus nama hin hojjenne, kan Allaah isa nama hamaa qajeelaa taasisu amanatu garuu amantiin isaa qajeelummaatti lakkaaʼamaaf. 6 Daawudis akka namni Allaahan qajeelummaa hojii malee argamu lakkaaʼuuf eebbifamaa taʼe yommuu dubbatu akkana jedha:
7 "Warri yakki isaanii dhiifameef,
kanneen cubbuun isaanii
haguugameef eebbifamoo dha.
8 Namni Gooftaan cubbuu isaa itti
hin lakkoofne eebbifamaa dha."
9 Eebbi kun warra dhagna qabatan qofaaf moo warra dhagna hin qabatiniifis? Ibraahimiif amantiin isaa qajeelummaatti lakkaaʼame jenneerraatii. 10 Kun egaa akkamitti isaaf lakkaaʼame ree? Erga inni dhagna qabatee moo duraanii? Durumaan malee erga dhagna qabate miti! 11 Inni mallattoo dhagna qabaa fudhate; kunis chaappaa qajeelummaa inni utuu dhagna hin qabatin dura amantiin argate sanaa ti. Kanaafis inni warra utuu dhagna hin qabatin amanan kanneen amantiin isaanii qajeelummaatti lakkaaʼameef hundaaf abbaa dha. 12 Akkasumas inni warra dhagna qabataniif, dhagna qabachuu qofas utuu hin taʼin warra karaa amantii abbaan keenya Ibraahim utuu dhagna hin qabatiniin dura fudhate sana duukaa buʼan hundaaf abbaa dha.
13 Ibraahimii fi sanyiin isaa waadaa akka inni dhaaltuu addunyaa taʼu kenname sana karaa qajeelummaa amantiin dhufuutiin argatan malee karaa seeraatiin miti. 14 Yoo warri seeratti bulan dhaaltota taʼan, amantiin gatii hin qabu; waadaanis homaa hin fayyaduutii; 15 kunis sababii seerri dheekkamsa fiduuf. Lafa seerri hin jirre yakki hin jiruutii.
16 Kanaafuu waadaan kun akka ayyaanaan taʼuu fi akka sanyii isaa hundaaf wabii taʼuuf amantii irratti hundeeffame; innis warra akka Ibraahim amananiif malee warra seeratti bulan qofaaf miti; Ibraahim abbaa hunduma keenyaa ti. 17 Kunis akkuma, "Ani abbaa saboota baayʼee si taasiseera" jedhamee barreeffamee dha. Ibraahim Allaah amanate; innis Allaah warra duʼaniif jireenya kennuu fi isa waan hin jirre akka waan jiruutti waamu sana duratti abbaa keenya.
18 Ibraahimis akkuma, "Sanyiin kee akkas ni taʼa" jedhametti utuu abdiin tokko iyyuu hin jiraatin abdiidhaan amanee abbaa saboota baayʼee taʼe. 19 Innis akka umuriin isaa gara waggaa dhibbaa gaʼee dhagni isaa duʼe, akkasumas akka gadameessi Saaraa duʼe beeku illee amantii isaatti hin laafne. 20 Inni amantii isaatti jabaachuun Allaahaf ulfina kenne malee amantii dhabuun waadaa Allaaha hin shakkine; 21 akka Allaahan waan waadaa gale raawwachuu dandaʼus guutumaan guutuutti hubateera. 22 Kanaafuu, "Amantiin isaa qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame." 23 Dubbiin, "Qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame" jedhu kun Ibraahim qofaaf hin barreeffamne; 24 nuufis, warra Allaah Gooftaa keenya Iisaa warra duʼan keessaa kaase sanatti amannuufis, qajeelummaatti ni lakkaaʼama. 25 Iisaan cubbuu keenyaaf dabarfamee duʼatti kenname; qajeeltota nu taasisuuf immoo duʼaa kaafame.