Publicidade

Romanos 1

Ergaa Phaawulos Warra Roomaatti Erge

1 Phaawulos tajaajilaa Al-Masiihii Iisaa, kan ergamaa taʼuuf waamamee fi akka injiila Allaaha lallabuuf addaan baafame irraa: 2 Injiilli kunis kan Allaahan duraan dursee karaa nabiiʼiyyoota isaatiin Katabbiiwwan Qulqulluu keessatti waadaa galee dha. 3 Injiilichis waaʼee ilma isaa kan akka namummaatti sanyii Daawud irraa dhalatee, 4 akka Hafuura qulqullummaatti immoo warra duʼan keessaa kaʼuu isaatiin Ilma Allaaha humna qabeessa taʼuun isaa labsamee dha; innis Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihi. 5 Nus karaa isaatiin, maqaa isaatiif jecha ormoota hunda keessaa akka gara ajajamuu amantii irraa dhufuutti namoota waamnuuf ayyaanaa fi ergamtummaa arganneerra. 6 Isinis warra akka kan Iisaa Al-Masiihii taʼaniif waamaman sana keessa jirtu.

7 Warra Allaahan jaallatamtanii qulqulloota taʼuuf waamamtan kanneen Roomaa jirtan hundaaf:

Abbaa keenya Allaaha fi Iisaa Al-Masiihii Goofticha irraa ayyaanni isiniif haa taʼu. Assalaam aleeyikum.

Phaawulos Roomaa Daawwachuuf Hawwuu Isaa

8 Sababii amantiin keessan guutummaa addunyaa irratti odeeffamaa jiruuf, ani duraan dursee waaʼee hunda keessaniitiif karaa Iisaa Al-Masiihiin Allaah koo nan galateeffadha. 9 Akka ani duʼaa koo keessatti utuu wal irraa hin kutin isin yaadadhu Allaahan ani injiila Ilma isaa lallabuudhaan hafuura kootiin isa tajaajilu sun dhuga baatuu koo ti; 10 ani duʼaa yeroo hunda godhadhu keessatti, akka ammas dhuma irratti gara keessan dhufuuf fedhii Allaahatiin karaan naa banamu duʼaa nan godha.

11 Akka isin jabaattaniifis kennaa hafuuraa isinii hiruuf isin arguu baayʼee nan hawwa; 12 kunis akka isinii fi ani amantii keenyaan wal jajjabeessinuuf. 13 Yaa obboloota ko, ani akkuma Namoota Ormaa kaan keessatti ija qabaadhe sana isin keessattis akkasuma akkan qabaadhuuf yeroo baayʼee gara keessan dhufuu yaadaa turuu ko, garuu hamma ammaatti dhowwamuu koo akka isin beekuu dhabdan hin barbaadu.

14 Ani namoota Giriikii fi warra nama Giriik hin taʼiniif, beektotaa fi wallaaltotaaf gatii of irraa nan qaba. 15 Sababiin ani isin warra Roomaa jirtanittis injiila lallabuuf akka malee hawwuuf kanuma.

16 Ani injiilatti hin qaanaʼu; kunis sababii injiilli humna Allaaha kan warra amanan hunda fayyisu taʼeef; innis jalqabatti Yihuudootaaf, itti aansee immoo Giriikotaaf. 17 Injiila keessatti qajeelummaan Allaaha amantii irraa gara amantiitti mulʼateeraatii; kunis akkuma, "Namni qajeelaan amantiidhaan jiraata" jedhamee barreeffamee dha.

Dheekkamsa Allaah

18 Dheekkamsi Allaah, Allaah malee jiraachuu fi hammina namootaa hunda irratti shamaayʼun irraa ni mulʼata; namoonni kunneen hammina isaaniitiin dhugaa ukkaamsu; 19 kunis sababii wanni waaʼee Allaaha beekamuu malu isaaniif ifa taʼeef; Allaahan isaaniif ibseeraatii. 20 Amalli Allaaha kan hin mulʼanne jechuunis humni isaa kan bara baraatii fi waaqeffamuun isaa uumama addunyaatii jalqabee wantoota uumaman irraa ifaan ifatti mulʼataatii; kanaafuu isaan waan itti qabatan hin qaban.

21 Isaan yoo Allaah beekan illee akka waaqeffamummaa isaatti ulfina hin kennineef; galatas hin galchineef. Garuu yaadni isaanii waan faayidaa hin qabne taʼe; qalbiin isaanii kan hin hubannes ni dukkanaaʼe. 22 Isaan yoo ogeeyyii ofiin jedhan iyyuu gowwoota taʼan; 23 ulfina Allaah hin duunees nama duʼutti, simbiratti, horii miilla afuriitti akkasumas uumamawwan lafa irra looʼanitti fakkeessuudhaan geeddaran.

24 Kanaafuu Allaahan akka isaan dhagna walii isaanii salphisaniif hawwii garaa isaanii hamaadhaan dabarsee xuraaʼummaatti isaan kenne. 25 Isaanis dhugaa Allaaha sobatti geeddaran; Uumaa dhiisanii uumama waaqeffatan; ni tajaajilanis. Uumaan bara baraan eebbifamaa dha. Ameen.

26 Sababii kanaaf Allaahan dabarsee hawwii jibbisiisaatti isaan kenne. Dubartoonni isaaniis karaa ittiin fedhii fooniitiif dhiira wajjin wal bira gaʼan isa uumamaan kennameef dhiisanii, gara isa uumamaan isaaniif hin kennaminitti geeddaran. 27 Warri dhiiraas akkasuma karaa ittiin fedhii fooniitiif dubartoota wajjin wal bira gaʼan isa uumamaan kennameef dhiisanii kajeellaa walii isaaniitiin gubatan. Warri dhiiraa, dhiira biraa wajjin gocha jibbisiisaa raawwatan; dogoggora isaanii kanaafis adaba isaaniif malu ofuma isaaniitiin fudhatan.

28 Sababii isaan Allaah beekuu akka waan faayidaa hin qabneetti fudhataniif, Allaahan immoo akka isaan waan hojjetamuu hin malle hojjetaniif qalbii faayidaa hin qabnetti dabarsee isaan kenne. 29 Isaanis hammina gosa hundaatiin, jalʼinaan, sassattummaan, amala baduun, hinaaffaan, nama ajjeesuun, wal loluun, gowwoomsuu fi dabaan guutaman. Isaan hamattoota, 30 warra maqaa nama balleessan, warra Allaah jibban, warra nama arrabsan, warra of jajanii fi warra of tuulanii dha; isaan warra karaa ittiin jalʼina hojjetan yaadan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamnee dha; 31 isaan warra hubannaa hin qabne, warra walii galtee diigan, warra jaalala hin qabnee fi warra namaaf garaa hin laafnee dha. 32 Isaan seera Allaaha kan, "Warra waan akkanaa hojjetan duʼuutu isaaniif mala" jedhu sana yoo beekan iyyuu ofii isaaniitiif waan akkanaa hojjechuu qofa utuu hin taʼin warra waan kana hojjetan iyyuu ni jajjabeessu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-