Abbootii Taayitaa Jalatti Buluu
1 Namni kam iyyuu warra taayitaa bulchiinsaa irra jiran jalatti buluu qaba; yoo Waaqa irraa taʼe malee taayitaa qabaachuun hin dandaʼamuutii. Warra taayitaa qaban Waaqatu muude. 2 Kanaafuu namni abbootii taayitaatiin mormu sirna Waaqaatiin morma; warri akkas godhanis murtii ofitti fidu.