Pular para o conteúdo
Publicidade

Roomaa 13

Abbootii Taayitaa Jalatti Buluu

1 Namni kam iyyuu warra taayitaa bulchiinsaa irra jiran jalatti buluu qaba; yoo Waaqa irraa taʼe malee taayitaa qabaachuun hin dandaʼamuutii. Warra taayitaa qaban Waaqatu muude. 2 Kanaafuu namni abbootii taayitaatiin mormu sirna Waaqaatiin morma; warri akkas godhanis murtii ofitti fidu. 3 Bulchitoonni warra waan hamaa hojjetan malee warra waan gaarii hojjetan hin sodaachisan. Ati akka nama taayitaa qabu hin sodaanne ni barbaaddaa? Egaa waan gaarii hojjedhu; inni iyyuu si galateeffataatii. 4 Inni waan gaarii siif gochuudhaaf tajaajilaa Waaqaatii. Ati garuu yoo waan hamaa hojjette sodaadhu; inni akkasumaan goraadee hin qabatuutii. Inni tajaajilaa Waaqaa kan warra waan hamaa hojjetan irratti dheekkamsa fiduun haaloo baasuu dha. 5 Kanaafuu sababii dheekkamsaa qofaaf utuu hin taʼin, yaada qulqulluudhaan warra taayitaa irra jiran jalatti buluun barbaachisaa dha.

6 Isinis kanumaaf qaraxa baaftu; abbootiin taayitaa tajaajiltoota Waaqaa warra yeroo isaanii guutuu hojii bulchiinsaatiif kennaniidhaatii. 7 Waan nama hundaaf kennuun isin irra jiru kennaa; yoo qaraxa taʼe qaraxa, yoo gibira taʼe immoo gibira baasaa; yoo sodaachuu taʼe sodaadhaa; yoo ulfina kennuu taʼes, ulfina kennaa.

Veja também