Publicidade

Romanos 14

Obboleessa Keetti Hin Murin

1 Nama amantiitti dadhabaa taʼe ofitti qabaa; waan wal nama falmisiisu irrattis itti hin murinaa. 2 Namni tokko akka waan hunda nyaachuu dandaʼu amana; namni amantiin isaa dadhabaa taʼe kaan garuu biqiltuu qofa nyaata. 3 Namni nyaatu kan hin nyaatin hin tuffatin; inni hin nyaatinis kan nyaatutti hin murin; Waaqni isa ofitti qabeeraatii. 4 Hojjetaa nama kaaniitti kan murtu ati eenyu? Inni yoo dhaabates yoo kufes gooftaa isaatiif. Waan Gooftaan isa dhaabachiisuu dandaʼuufis ni dhaabata.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-