Phaawulos Nagaa Dhaamuu Isaa
1 Obboleettii keenya Feebeen tajaajiltuu waldaa kiristaanaa ishee Kanchireʼaa imaanaa isinitti nan kennadha. 2 Isheen namoota baayʼeef, anaafis gargaarsa guddaa waan taateef akka isin simannaa qulqullootaaf maluun Gooftaadhaan ishee simattanii fi akka gargaarsa isheen isin irraa barbaaddu kam iyyuu isheef gootan isinin kadhadhaa.