Qajeelummaa Amantiin Argamu
21 Amma garuu qajeelummaan Waaqaan kennamu kan seeraan adda taʼe, kan Seerrii fi Raajonni dhugaa baʼaniif mulʼateera. 22 Qajeelummaan Waaqaa kun amantiidhaan warra Yesuus Kiristoositti amanan hundaaf kennama; nama wal caalchisuun hin jiru; 23 sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Waaqaa irraa citaniiruutii; 24 isaanis ayyaana Waaqaa isa furama karaa Kiristoos Yesuusiin toluma kennameefiin qajeeltota taasifamaniiru.