17 Kunis akkuma, "Ani abbaa saboota baayʼee si taasiseera"4:17 Uma 17:5 jedhamee barreeffamee dha. Abrahaam Waaqa amanate; innis Waaqa warra duʼaniif jireenya kennuu fi isa waan hin jirre akka waan jiruutti waamu sana duratti abbaa keenya.
18 Abrahaamis akkuma, "Sanyiin kee akkas ni taʼa"4:18 Uma 15:5 jedhametti utuu abdiin tokko iyyuu hin jiraatin abdiidhaan amanee abbaa saboota baayʼee taʼe. 19 Innis akka umuriin isaa gara waggaa dhibbaa gaʼee dhagni isaa duʼe, akkasumas akka gadameessi Saaraa duʼe beeku illee amantii isaatti hin laafne. 20 Inni amantii isaatti jabaachuun Waaqaaf ulfina kenne malee amantii dhabuun waadaa Waaqaa hin shakkine; 21 akka Waaqni waan waadaa gale raawwachuu dandaʼus guutumaan guutuutti hubateera.