17 Kunis akkuma, "Ani abbaa saboota baayʼee si taasiseera"4:17 Uma 17:5 jedhamee barreeffamee dha. Ibraahim Allaah amanate; innis Allaah warra duʼaniif jireenya kennuu fi isa waan hin jirre akka waan jiruutti waamu sana duratti abbaa keenya.
18 Ibraahimis akkuma, "Sanyiin kee akkas ni taʼa"4:18 Uma 15:5 jedhametti utuu abdiin tokko iyyuu hin jiraatin abdiidhaan amanee abbaa saboota baayʼee taʼe. 19 Innis akka umuriin isaa gara waggaa dhibbaa gaʼee dhagni isaa duʼe, akkasumas akka gadameessi Saaraa duʼe beeku illee amantii isaatti hin laafne. 20 Inni amantii isaatti jabaachuun Allaahaf ulfina kenne malee amantii dhabuun waadaa Allaaha hin shakkine; 21 akka Allaahan waan waadaa gale raawwachuu dandaʼus guutumaan guutuutti hubateera.