31 Egaa kana irratti maal jenna ree? Erga Waaqni nu wajjin taʼee eenyutu nuun mormuu dandaʼa? 32 Waaqni Ilma isaa illee utuu hin mararfatin hunduma keenyaaf dabarsee kenne sun akkamitti waan biraa hundumas isa wajjin akkasuma arjummaan nuuf hin kennu ree? 33 Warra Waaqni filate eenyutu himata? Kan qajeelaa nama taasisu Waaqa. 34 Kan itti muru eenyu? Kiristoos Yesuus isuma nuuf duʼee, kana caalaa immoo warra duʼan keessaa kaʼee mirga Waaqaa jiruu fi nuuf kadhatu sanaa dha. 35 Jaalala Kiristoos irraa eenyutu gargar nu baasa? Dhiphina moo rakkina, ariʼatama moo beela, daaruu moo balaa yookaan goraadee? 36 Kunis akkuma,
"Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna;
akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra"8:36 Far 44:22
jedhamee barreeffamee dha. 37 Kana hunda keessatti garuu nu isa nu jaallate sanaan moʼattoota ni caalla. 38 Duuti yookaan jireenyi, ergamoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, 39 ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Waaqaa kan Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.