5 Warri akka fooniitti jiraatan waan foonii yaadu; warri akka Hafuuraatti jiraatan garuu waan Hafuuraa yaadu. 6 Yaadni foonii duʼa; yaadni Hafuuraa garuu jireenyaa fi nagaa dha. 7 Yaadni foonii diina Waaqaa ti; seera Waaqaatiifis hin bulu. Buluus hin dandaʼu. 8 Warri akka fooniitti jiraatan Waaqa gammachiisuu hin dandaʼan.