20 Garuu yaa namichoo, Waaqaan mormuuf ati eenyu? "Wanti tolfame tokko kan isa tolcheen, ‘Ati maaliif akkanatti na tolchite?’ "9:20 Isa 29:16; 45:9 jedhaa? 21 Suphee dhooftuun tokko dhoqqee suphee kan bukaaʼe irraa qodaa ulfinaa fi salphinaaf oolu tolchuuf mirga hin qabuu?