Publicidade

Sofonias 1

1 Dubbiin Waaqayyoo kan bara Yosiyaas ilmi Aamoon mootii Yihuudaa ture keessa gara Sefaaniyaa ilma Kuushii, ilma Gedaaliyaas, ilma Amariyaa, ilma Hisqiyaas dhufe kanaa dha:

Akeekkachiisa Waaʼee Badiisa Dhufaa Jiruu

2 "Ani fuula lafaa irraa

waan hunda haxaaʼee nan balleessa"

jedha Waaqayyo.

3 "Ani namaa fi horii haxaaʼee nan balleessa;

simbirroota samiitii fi qurxummii galaanaa,

waaqota tolfamoo namoota hamoo

gufachiisan haxaaʼee nan balleessa."

"Ani sanyii namaa lafa irraa nan balleessa"

jedha Waaqayyo.

4 "Ani Yihuudaa fi warra Yerusaalem keessa

jiraatan hundatti harka koo ol nan fudhadha.

Ani hambaa Baʼaal hundaa fi maqaa luboota waaqota tolfamoo waaqeffatanii

iddoo kanaa nan balleessa;

5 warra raayyaa samii waaqeffachuuf

qinaaxxii manaa irratti sagadan,

warra sagadanii fi Waaqayyoon kakatan,

warra Moolekiinis kakatan,

6 warra Waaqayyoon duukaa buʼuu dhiisanii duubatti deebiʼan,

warra Waaqayyoon hin barbaanne yookaan gorsa isaa hin gaafanne nan balleessa."

7 Guyyaan Waaqayyoo waan dhiʼaateef

fuula Waaqayyoo Gooftaa duratti calʼisaa.

Waaqayyo aarsaa tokko qopheesseera;

inni warra affeere qulqulleesseera.

8 "Guyyaa aarsaa Waaqayyootti

ani qondaaltota ilmaan mootichaatii fi

warra wayyaa ormaa uffatan hunda nan adaba.

9 Ani gaafas warra buusaa irra utaalan,

kanneen galma waaqota isaanii jeequmsaa fi

gowwoomsaadhaan guutan nan adaba."

10 Waaqayyo akkana jedha;

"Gaafas Karra Qurxummii irraa iyya,

Waltajjii Lammaffaa irraa wawwaannaa,

gaarran irraa immoo

sagalee diigama guddaatu dhagaʼama.

11 Isin warri Makteesh keessa jiraattan wawwaadhaa;

daldaltoonni keessan hundi lafa irraa haxaaʼamu;

warri meetii daldalan hundinuus ni barbadaaʼu.

12 Ani yeroo sana Yerusaalemin ibsaadhaan nan sakattaʼa;

warra qananiidhaan jiraatan,

kanneen akka daadhii wayinii siicoo irratti hafee taʼan,

kanneen, ‘Waaqayyo waan tolaas taʼu waan hamaa

homaa hin godhu’ jedhanii yaadan nan adaba.

13 Qabeenyi isaanii ni saamama;

manni isaanii ni ona.

Isaan mana ijaarratu;

garuu keessa hin jiraatan;

isaan biqiltuu wayinii ni dhaabbatu;

garuu daadhii wayinii hin dhugan."

14 Guyyaan Waaqayyoo guddichi dhiʼaateera;

dhiʼaatees dafee dhufaara.

Dhagaʼaa! Iyyi guyyaa Waaqayyoo hadhaaʼaa dha;

goonni achitti sagalee ol fudhatee iyya.

15 Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa,

guyyaa dhiphinaa fi gaddaa,

guyyaa rakkinaa fi badiisaa,

guyyaa dukkanaa fi dimimmisaa,

guyyaa duumessaa fi dukkana hamaa ni taʼa;

16 magaalaawwan dallaa jabaa qabanii fi

gamoowwan ol dhedheeroo irratti

guyyaa itti malakata afuufanii fi iyya waraanaa taʼa.

17 "Sababii isaan Waaqayyootti cubbuu hojjetaniif,

ani akka isaan akkuma jaamotaatti deemaniif

uummatatti dhiphina nan fida.

Dhiigni isaanii akkuma awwaaraa,

miʼi garaa isaaniis akkuma kosii gatama.

18 Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti

meetiin isaanii yookaan warqeen isaanii

isaan oolchuu hin dandaʼu."

Ibidda hinaaffaa isaatiin

addunyaan hundi ni barbadoofti;

warra lafa irra jiraatan hundatti

inni badiisa tasaa ni fidaatii.

Veja também

Publicidade
Sofonias
Ver todos os capítulos de Sofonias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-