10 Sababiin isaas namni seera guutummaatti eegee waan tokko qofa cabse kam iyyuu akka waan seera hunda cabseetti ilaalamaatii. 11 Inni, "Hin ejjin"2:11 Bau 20:14; KeD 5:18 jedhe sun akkasuma immoo, "Hin ajjeesin"2:11 Bau 20:13; KeD 5:17 jedheeraatii. Ati yoo ejjuu baatte illee nama ajjeefnaan seera cabsiteerta.
12 Isin akka warra seera nama bilisoomsuun itti muramuutti dubbadhaa; hojjedhaas;