9 Nu arrabaan Gooftaa fi Abbaa eebbifna; isumaan immoo nama bifa Waaqaatiin uumame abaarra. 10 Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi baʼa. Yaa obboloota ko, wanni kun akkas taʼuu hin qabu. 11 Bishaan miʼaawaa fi hadhaaʼaan burqaa tokko keessaa ni baʼaa? 12 Yaa obboloota ko, mukni harbuu ija ejersaa naqachuu yookaan wayiniin ija harbuu naqachuu dandaʼaa? Akkasuma immoo burqaan bishaan soogiddaa bishaan miʼaawaa kennuu hin dandaʼu.
Publicidade