4 Yaa ejjitoota, addunyaatti michoomuun Waaqatti diina taʼuu akka taʼe hin beektanii? Namni michuu addunyaa taʼu kam iyyuu diina Waaqaa taʼa. 6 Inni garuu ayyaana caalu nuuf kenna. Sababiin Katabbiin Qulqulluun,
"Waaqni of tuultotaan ni morma;
warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna"4:6 Fak 3:34
jedhuufis kanuma.
7 Kanaafuu Waaqaaf bulaa. Diiyaabiloosiin immoo mormaa; innis isin baqataa. 8 Waaqatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.