4 Yaa ejjitoota, addunyaatti michoomuun Allaahatti diina taʼuu akka taʼe hin beektanii? Namni michuu addunyaa taʼu kam iyyuu diina Allaaha taʼa. 6 Inni garuu ayyaana caalu nuuf kenna. Sababiin Katabbiin Qulqulluun,
"Allaahan of tuultotaan ni morma;
warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna"4:6 Fak 3:34
jedhuufis kanuma.
7 Kanaafuu Allaahaf bulaa. Ibliisiin immoo mormaa; innis isin baqataa. 8 Allaahatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.