4 Yommuu gaarummaa fi jaalalli Fayyisaa keenya Waaqaa mulʼatetti garuu, 5 inni sababii qajeelummaa nu hojjenneetiif utuu hin taʼin sababii araara isaatiif jedhee nu fayyise. Inni dhiqannaa lammata dhalachuutii fi haaromsuu Hafuura Qulqulluutiin nu fayyise; 6 hafuurri kunis isa Waaqni karaa Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin arjummaadhaan nurratti dhangalaase sana;