Pular para o conteúdo
Publicidade

Zakkaariyaas 3

Uffata Qulqulluu Luba Ol Aanaa

1 Innis utuu Iyyaasuun lubichi ol aanaan fuula ergamaa Waaqayyoo dura dhaabatee, Seexanni immoo isa himachuuf karaa harka mirga isaa dhaabatuu na argisiise. 2 Waaqayyos Seexanaan akkana jedhe; "Seexana nana, Waaqayyo si haa ifatu! Waaqayyo inni Yerusaalemin filate si haa ifatu! Namichi kun mukukkula ibidda bobaʼu keessaa butame mitii?"

3 Iyyaasuun yeroo ergamaa Waaqayyoo sana dura dhaabatetti uffata xuraaʼaa uffatee ture. 4 Ergamaan Waaqayyoo sunis warra isa dura dhaabachaa turan sanaan, "Uffata isaa xuraaʼaa isa irraa baasaa" jedhe.

Innis ergasii Iyyaasuudhaan, "Kunoo ani cubbuu kee sirraa fuudhee uffata miidhagaa sittin uffisa" jedhe.

5 Anis, "Mataa isaa irra marata qulqulluu kaaʼaafii" nan jedhe. Kanaafuu isaan utuma ergamaan Waaqayyoo sun achi dhaabatee jiruu, marata qulqulluu mataa isaa irra kaaʼanii uffata itti uffisan.

6 Ergamaan Waaqayyoo sunis ajaja kana Iyyaasuuf kenne: 7 "Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; Ati yoo karaa koo irra deemtee ajaja koo eegde, mana koo ni bulchita; itti gaafatamaa oobdii koo ni taata; anis warra as dhadhaabatan kana gidduutti iddoo siif nan kenna.

8 " Yaa Iyyaasuu lubicha ol aanaa, atii fi gareen kee warri fuula kee dura tataaʼan, namoonni waan dhufuuf jiruuf mallattoo taʼan waan kana dhaggeeffadhaa. Ani tajaajilaa koo Damee sana nan fida. 9 Dhagaa ani fuula Iyyaasuu dura kaaʼe ilaalaa! Dhagaa tokkicha sana irra ija torbatu jira; anis barreeffama isa irratti nan qiriixajedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu; cubbuu biyya kanaas guyyuma tokkotti nan balleessa.

10 " Bara sana tokkoon tokkoon namaa muka wayiniitii fi muka harbuu isaa jala taaʼuuf ollaa isaa ni waammatajedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu."

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também