Publicidade

Filemom 1

Nagaa Gaafachuu

1 Phaawulos isa Al-Masiihi Iisaaf jedhee hidhamee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa,

Gara Fiilmoonaa isa jaallatamaa fi hojjetaa hidhata keenya taʼe sanaatti; 2 akkanumas gara obboleettii keenya Aphifiyaatti, gara Arkiphaa isa nu wajjin loltuu taʼeetti, gara waldaa kiristaanaa ishee mana keetti walitti qabamtuuttis:

3 Abbaa keenya Allaaha fi Iisaa Al-Masiihi Goofticha irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.

Galata Galchuu fi Duʼaa

4 Ani yeroo duʼaa koo keessatti si yaadadhu hunda Allaah koo nan galateeffadha; 5 ani waaʼee amantii kee kan ati Gooftaa Iisaatti qabduu fi waaʼee jaalala kee kan ati qulqulloota isaa hundaaf qabduu nan dhagaʼaatii. 6 Ani akka ati waaʼee waan gaarii nu Al-Masiihiin qabnu hundumaa hubannaa guutuu qabaattee amantii kee namaan gaʼuuf jabaattu duʼaa nan godha. 7 Yaa obboleessa, waan ati garaa qulqullootaa qabbaneessiteef jaalalli kee gammachuu fi jajjabina guddaa naa kenneera.

Phaawulos Oneesimoosiif Kadhachuu Isaa

8 Kanaafuu ani akka ati waan hojjechuu qabdu hojjetu si ajajuuf yoo Al-Masiihiin ija jabina qabaadhe illee, 9 sababii jaalalaatiif cimseen si kadhadha. Egaa ani Phaawulos jaarsichii fi ammas Al-Masiihi Iisaaf kanan hidhame, 10 ilma koo Oneesimoos isa ani hidhamuu kootiin dhalche sanaaf sin kadhadha. 11 Inni kanaan dura nama homaa si hin fayyadne ture; amma garuu siifis anaafis nama faayidaa qabu taʼeera.

12 Ani isa, nama akka garaa kootii sana deebisee gara keetti nan erga. 13 Ani yeroon injiilaaf hidhametti inni iddoo kee buʼee akka na tajaajiluuf of biratti isa hambifachuu barbaadeen ture. 14 Ani garuu gaarummaan kee utuu dirqamaan hin taʼin fedhiidhaan akka taʼuuf waanuma tokko illee eeyyama kee malee gochuu hin barbaanne. 15 Tarii inni yeroo gabaabaaf siin gargar baʼuun isaa akka ati deebiftee isa simattee hamma dhumaatti of bira tursituuf taʼa; 16 atis siʼachi akka garbichaatti utuu hin taʼin, akka obboleessa jaallatamaa garbicha caalu tokkootti isa simadhu. Inni keessumattuu erga anaaf akkas jaallatamaa taʼe siif immoo fooniinis Gooftaadhaanis hammam caalaa jaallatamaa haa taʼu ree?

17 Egaa ati yoo akka michuu keetiitti na ilaalte akkuma na simatutti isas simadhu. 18 Yoo inni waanuma tokkoon illee si yakkee jiraate yookaan ati yoo waanuma tokko illee isa irraa qabaatte natti lakkaaʼi. 19 Ani Phaawulos siifan kaffala jedhee harkuma kootiin barreesseera. Akka ati mataan kee iyyuu kan koo taate ani homaa sitti hin himu. 20 Egaa yaa obboleessa, ani Gooftaadhaan faayidaa kana sirraa argachuu nan barbaada; Al-Masiihitti garaa koo naa qabbaneessi. 21 Akka ati waan ani si kadhadhu caalaa naa gootu beekuudhaan ajajamuu kee amanadhee siifan barreessa.

Nagaa Dhaamuu fi Eebbisuu

22 Kana malees ani duʼaa keessaniin akkan isiniif kennamu waanan abdadhuuf mana boqonnaa naa qopheessi.

23 Ephaafiraan inni Al-Masiihi Iisaaf jedhee na wajjin hidhame nagaa siif dhaama.

24 Akkasumas warri na wajjin hojjetan Maarqos, Arisxirokoos, Deemaasii fi Luqaas nagaa siif dhaamu.

25 Ayyaanni Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii hafuura keessan wajjin haa taʼu.

Veja também

Publicidade
Filemom
Ver todos os capítulos de Filemom
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-