1 Bara durii Allaahan yeroo baayʼee fi karaa adda addaatiin nabiiʼiyyootaan abbootii keenyatti dubbatee ture; 2 bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa kan inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate; isumaanis addunyaawwan uume. 3 Ilmi calaqqisa ulfina Allaaha ti; eenyummaa Allaahas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee shamaayʼun irra mirga Allaah ulfina qabeessa sanaa taaʼe. 4 Akkuma maqaan inni dhaale sun kan malaʼikkootaa caalaa guddaa taʼe sana innis malaʼikkoota caalaa guddaa dha.
5 Allaahan malaʼikkoota keessaa isa kamiin,
"Ati Ilma koo ti;
ani harʼa si dhalcheera"
Yookaan isa kamiin,
"Ani isaaf Abbaa nan taʼa;
innis Ilma naa taʼa"
jedhee beeka? 6 Akkasumas Allaahan yommuu Ilma isaa hangafa gara addunyaa kanaatti ergutti,
"Malaʼikkoonni Allaaha hundi isa haa waaqeffatan"
jedha. 7 Yommuu waaʼee malaʼikkootaa dubbatus,
"Inni malaʼikkoota isaa hafuurota,
tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha"
jedha. 8 Waaʼee Ilmaa garuu akkana jedha;
"Yaa Allaah, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata;
bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.
9 Ati qajeelummaa jaallatte; jalʼina immoo ni jibbite;
kanaafuu Allaahan, Allaahan kan kee zayitii gammachuutiin si dibee,
hiriyoota kee si caalchise."
10 Akkasumas inni akkana jedha;
"Yaa Gooftaa, ati jalqabatti lafa hundeessite;
shamaayʼuniiwwanis hojii harka keetii ti.
11 Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta;
hundumti isaanii akkuma uffataa ni moofaʼu;
12 ati akkuma wayyaatti isaan marta;
isaan akkuma uffataatti geeddaramu;
ati garuu sanuma;
umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu."
13 Allaahan malaʼikkoota keessaa isa kamiin,
"Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti,
gara mirga koo taaʼi"
jedhe? 14 Malaʼikkoonni hundinuu hafuurota tajaajilan kanneen warra fayyina dhaalan tajaajiluuf ergaman mitii?