Publicidade

Hebreus 2

Akeekkachiisa

1 Kanaafuu nu akka waan dhageenye irraa hin jalʼanneef waan sana irratti xiyyeeffannoo guddaa gochuu qabna. 2 Sababiin isaas erga dubbiin malaʼikkootaan dubbatame sun eegamuu qabaatee, seera cabsuu fi ajajamuu diduun hundis erga adabbii malu argatanii, 3 yoos nu yoo fayyina guddaa akkanaa tuffanne, akkamitti adabbii kana jalaa baana ree? Fayyinni jalqabatti Gooftaadhaan labsame kun warra dhagaʼaniin nuuf mirkaneeffame. 4 Allaahan mallattoon, raajii fi hojii dinqii adda addaatiin akkasumas kennaawwan Hafuura Qulqulluu kanneen akka fedhii isaatti kennamaniin dhugaa baʼeera.

Iisaan Guutummaatti Nama Taasifame

5 Inni addunyaa dhufuuf jiru, kan nu waaʼee isaa dubbannu sana malaʼikkoota jala hin galchine. 6 Namni tokko garuu iddoo tokkotti akkana jedhee dhugaa baʼeera;

"Akka ati isaaf yaadduuf namni maali?

Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?

7 Ati xinnoo ishee malaʼikkootaa gad isa goote;

ulfinaa fi kabajaan isa gonfite; hojii harka keetii irrattis isa muudde.

8 Waan hundas miilla isaa jala galchite."

Inni yommuu waan hunda isa jala galchetti wanni inni utuu isa jala hin galchin hambise tokko iyyuu hin jiru. Taʼus yeroo ammaa wanni hundinuu isa jala galee hin arginu. 9 Garuu Iisaan inni ayyaana Allaahatiin nama hundaaf duʼa dhandhamuuf jedhee xinnoo ishee malaʼikkootaa gad taʼee ture sun dhiphina duʼaa waan dhiphateef amma ulfinaa fi kabajaan gonfamee argina.

10 Allaahan wanni hundi isaaf jiraatuu fi isaan jiraatu sun ilmaan baayʼee gara ulfinaatti geessuuf jedhee mataa fayyina isaanii dhiphina kan hirʼina hin qabne gochuun isaaf ni mala ture. 11 Inni namoota qulqulleessuu fi kanneen qulqulleeffaman hundi kanuma abbaa tokkoo ti. Kanaafuu Iisaan obboloota jedhee isaan waamuu hin qaanaʼu. 12 Inni,

"Maqaa kee obboloota kootti nan labsa;

waldaa kiristaanaa keessattis faarfannaadhaan sin jajadha"

jedha. 13 Akkasumas,

"Ani isa nan amanadha"

jedha. Ammas inni,

"Anii fi ijoolleen Allaahan naa kenne kunoo ti"

jedha.

14 Sababii ijoolleen sun foonii fi dhiiga qabaniif, Iisaanis duʼa ofii isaatiin ibliis isa duʼa irratti humna qabu sana balleessuuf jedhee namummaa isaanii qoodate; 15 innis warra bara jireenya isaanii hunda garbummaa sodaa duʼaatiin hidhamanii turan bilisa baasuuf jedhee waan kana godhe. 16 Inni dhugumaanuu sanyii Ibraahim gargaaruuf malee malaʼikkoota Allaaha gargaaruuf miti. 17 Kanaafuu inni Allaah tajaajiluu keessatti akka luba ol aanaa araara qabeessaa fi amanamaa taʼuuf, akka cubbuu namootaatiif araara buusuuf waan hundaan obboloota isaa fakkaachuutu isa irra ture. 18 Inni mataan isaa waan dhiphina keessatti qorameef warra qoramaa jiran gargaaruu ni dandaʼa.

Veja também

Publicidade
Hebreus
Ver todos os capítulos de Hebreus
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-