Publicidade

Hebreus 5

1 Tokkoon tokkoon luba ol aanaa namoota gidduudhaa filatamee waan Allaah ilaallatu irratti namoota iddoo buʼee sababii cubbuutiif kennaa fi aarsaa dhiʼeessuuf muudama. 2 Inni mataan isaa iyyuu waan dadhabbii keessa jiruuf wallaaltotaa fi warra karaa irraa jallataniif garaa laafuu ni dandaʼa. 3 Sababii kanaaf inni cubbuu ofii isaatiif, akkasumas cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeessuu qaba. 4 Nama akkuma Haaruunitti Allaahan waamame malee, namni kam iyyuu ulfina kana ofii isaatiif hin fudhatu.

5 Al-Masiihiinis akkasuma luba ol aanaa taʼuuf of hin ulfeessine. Allaahan garuu,

"Ati Ilma koo ti;

ani harʼa si dhalcheera"

jedheen. 6 Iddoo biraattis,

"Akkuma sirna Malkiiseedeqitti,

ati luba bara baraa ti"

jedha.

7 Iisaan yeroo lafa irra jiraachaa turetti iyya guddaa fi imimmaaniin isa duʼa isa oolchuu dandaʼu sanatti duʼaa fi waammata dhiʼeeffate; sababii inni sodaa Allaaha qabuufis duʼaan isaa ni dhagaʼameef. 8 Inni Ilma taʼu iyyuu dhiphina isaa sana irraa ajajamuu barate; 9 erga kan mudaa hin qabne taasifamee immoo warra isaaf ajajaman hundaaf burqaa fayyina bara baraa taʼe. 10 Akka sirna Malkiiseedeqittis luba ol aanaa jedhamee Allaahan waamame.

Akeekkachiisa

11 Nu waaʼee isaa waan jennu baayʼee qabna; isin garuu waan hubachuutti dadhaboo taataniif isinii ibsuun rakkisaa dha. 12 Isin yeroo kanatti barsiistota taʼuu qabdu ture; isin immoo nama waaʼee dhugaa dubbii Allaaha kan jalqabaa irra deebiʼee isin barsiisutu isin barbaachisa. Nyaata jabaataas utuu hin taʼin aannan isin barbaachisa. 13 Namni aannaniin jiraatu kam iyyuu waan amma illee daaʼima taʼeef dubbii qajeelummaa hin beeku. 14 Nyaanni jabaataan garuu namoota bilchaatoo kanneen waan gaarii fi waan hamaa gargar baasanii beekuuf of leenjisaniif taʼa.

Veja também

Publicidade
Hebreus
Ver todos os capítulos de Hebreus
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-