1 Kanaafuu kottaa barsiisa waaʼee Al-Masiihii isa jalqabaa sana dhiifnee gara bilchinaatti dabarraa; waaʼee hojii gara duʼaatti nama geessuu irraa deebiʼuu fi waaʼee Allaahatti amanuu lammata hundee hin buufnu; 2 akkasumas barsiisa waaʼee cuuphaa, waaʼee harka nama irra kaaʼuu, waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼaniitii fi waaʼee murtii bara baraa ammas hundee hin buufnu. 3 Nus yoo Allaahan jedhe waan kana ni goona.
4 Warra yeroo tokko ifni ifeefii kennaa shamaayʼun dhandhamatan, kanneen Hafuura Qulqulluu irraa qooddatan, 5 warra gaarummaa dubbii Allaahatii fi humna bara dhufuuf jiru sanaa dhandhamatanii 6 ergasii garuu amantii irraa gara galan, gara qalbii jijjiirrannaatti isaan fiduun hin dandaʼamu; sababiin isaas isaan fedhuma isaaniitiin deebisanii Ilma Allaaha ni fannisu; fuula namootaa durattis salphinatti isa saaxilu. 7 Lafti bokkaa yeroo baayʼee irratti roobu dhugdee warra ishee qotataniif midhaan fayyadu kennitu eebba Allaaha argatti. 8 Lafti qoraattii fi sokorruu biqilchitu garuu faayidaa hin qabdu; abaaramuus geesseerti. Dhumni ishees gubamuu dha.
9 Yaa michoota jaallatamtoota, nu yoo akkana dubbanne illee waaʼee keessan waan wayyu, waan fayyina wajjin deemus akka qabdan mirkaneeffanneerra. 10 Allaahan qulqulloota tajaajiluu keessanii fi ammas tajaajiluu keessaniin hojii isin hojjettanii fi jaalala maqaa isaatiif argisiiftan irraanfachuuf jalʼaa mitiitii. 11 Nus akka tokkoon tokkoon keessan abdii keessan mirkaneessitanii hamma dhumaatti tattaaffii akkanaa argisiiftan barbaanna. 12 Nu akka isin fakkeenya warra amantii fi obsaan waan waadaa galame sana dhaalanii duukaa buutan barbaanna malee akka isin dhibaaʼoo taatan hin barbaannu.
13 Allaahan yeroo Ibraahimiif waadaa galetti kan isa caalu kan inni ittiin kakatu tokko iyyuu waan hin jirreef matuma ofiitiin kakate. 14 Innis, "Ani dhugumaan eebba, sin eebbisa; baayʼisuus si baayʼisa" jedha. 15 Kanaafuu Ibraahim obsaan eeggatee waan waadaa galame sana argate.
16 Namoonni kan isaan caaluun kakatu; kakuun sunis waan jedhame sana mirkaneessee akka falmiin hundumtuu fiixaan baʼu godha. 17 Allaahan haala kaayyoo isaa kan hin geeddaramne sana caalaatti ibsee warra waadaa dhaalanitti argisiisuu waan barbaadeef waadaa sana kakuudhaan cimse. 18 Egaa waan hin geeddaramne kan Allaahan waaʼee isaanii sobuu hin dandeenye lamatu jira; kanaafuu nu warri isatti baqanne abdii fuula keenya dura kaaʼame sana jabeessinee qabachuuf jajjabina guddaa qabna. 19 Nus abdii kana akka hiituu dooniitti lubbuuf qabna. Abdiin kunis iddoo qulqulluu golgaa duuba jiru sana ol seena; 20 iddoon kunis kan Iisaan iddoo keenya buʼee nu dursee itti ol seenee dha. Innis akka sirna Malkiiseedeqitti luba ol aanaa bara baraa taʼeera.