1 Malkiiseedeq mootii Saalemiitii fi luba Allaah Waan Hundaa Olii ture. Innis utuu Ibraahim mootota moʼatee deebiʼuu itti dhufee isa eebbise; 2 Ibraahimis waan hundumaa kudhan keessaa tokko isaaf kenne. Jalqabatti maqaan isaa, "Mootii qajeelummaa" jechuu dha; ergasii immoo, "Mootii Saalem" jechuunis, "Mootii nagaa" jechuu dha. 3 Inni abbaa yookaan haadha hin qabu; hidda dhalootaas hin qabu; jalqaba guyyootaa yookaan dhuma jireenyaas hin qabu; inni akkuma Ilma Allaahatti luba bara baraa taʼee jiraata.
4 Egaa Ibraahim hangafni abbootii iyyuu erga waan boojiʼe irraa kudhan keessaa tokko isaaf kennee, Malkiiseedeq hammam guddaa akka taʼe mee ilaalaa! 5 Ilmaan Lewwii warri luboota taʼan yoo obboloonni isaanii sanyii Ibraahim taʼan iyyuu namoota irraa jechuunis obbolootuma isaanii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatan seerri ni ajaja. 6 Namichi sanyii isaanii irraa hin taʼin kun garuu Ibraahim isa waadaan galameef sana irraa kudhan keessaa tokko fudhatee isa eebbise. 7 Inni xinnaan akka isa guddaadhaan eebbifamu shakkii hin qabu. 8 Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko namoota duʼa hin oolleen walitti qabama; karaa kaaniin immoo isa jiraataa taʼuun isaa dhugaa baʼameef sanaan walitti qabama. 9 Lewwiin inni kudhan keessaa tokko walitti qabu mataan isaa iyyuu kudhan keessaa harka tokko karaa Ibraahimiitiin baaseera jechuun ni dandaʼama; 10 Malkiiseedeq yommuu Ibraahimin simatetti Lewwiin mudhii abbaa ofii isaa keessa tureetii.
11 Utuu sirni lubummaa Lewwii kan hirʼina hin qabne taʼee, silaa lubni biraa kan akka sirna lubummaa Haaruunitti utuu hin taʼin lubni akka sirna lubummaa Malkiiseedeqitti filatame dhufuun isaa maaliif barbaachise ree? Seerri sirna lubummaa Lewwii kana irratti hundeeffamee sabaaf kennameetii. 12 Yommuu lubummaan geeddaramu seerichis akkasuma geeddaramaatii. 13 Inni wanni kun waaʼee isaa dubbatame sun gosti isaa kan biraa ti; gosa kana keessaas namni tokko iyyuu takkumaa iddoo aarsaa hin tajaajille. 14 Gooftaan keenya akka sanyii Yihuudaa irraa dhalate beekamaadhaatii; Muusaanis gosa sana ilaalchisee waaʼee lubummaa homaa hin dubbanne. 15 Yommuu lubni akka Malkiiseedeqi kan biraa kaʼutti, wanni nu dubbanne sun ittuma caalee ifa taʼa; 16 innis utuu ajaja fooniitiin hin taʼin humna jireenya hin badneetiin luba taʼe. 17 Waaʼee isaas,
"Akkuma sirna Malkiiseedeqitti,
ati luba bara baraa ti"
jedhamee dhugaa baʼameeraafiitii.
18 Ajajni duraa sun waan dadhabaa fi kan hin fayyadne tureef diigameera. 19 Sababii seerri waanuma tokko illee kan mudaa hin qabne hin godhiniif abdiin caalu kan nu ittiin gara Allaahatti dhiʼaannu tokko dhufeera.
20 Kunis kakaa malee hin taane! Warri kaan immoo kakaa tokko malee luboota taʼan; 21 inni garuu yeroo Allaahan,
"Gooftaan, ‘Ati luba bara baraa ti’
jedhee kakateera;
inni yaada isaa hin geeddaru"
isaan jedhetti kakaadhaan luba taʼe. 22 Iisaan sababii kakaa kanaatiif kakuu caaluuf wabii taʼeera.
23 Luboonni durii sababii duuti akka isaan tajaajila itti hin fufneef isaan dhowweef baayʼee turan; 24 Iisaan garuu waan bara baraan jiraatuuf lubummaa hin geeddaramne qaba. 25 Kanaaf inni yeroo hundumaa waan isaaniif duʼaa gochuuf jiraatuuf warra karaa isaatiin gara Allaaha dhufan guutumaan guutuutti fayyisuu ni dandaʼa.
26 Egaa luba ol aanaa qulqulluu, kan mudaa hin qabne, kan xurii hin qabne, kan cubbamoota irraa adda taʼe, shamaayʼun olittis kan kabajame akkasii qabaachuun nu barbaachisa. 27 Inni akka luboota ol aantota kaaniitti guyyuma guyyaan duraan dursee cubbuu ofii isaatiif, ergasii immoo cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeessuun isa hin barbaachisu. Inni yommuu of kenne sanatti al tokko yeroo hundaaf cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeesseeraatii. 28 Seerichi namoota dadhaboo, luboota ol aantota godhee muudaatii; dubbiin kakaa kan seera booddee dhufe garuu, Ilma Allaaha isa bara baraan mudaa hin qabne sana muuda.