Publicidade

Zacarias 12

Diinonni Yerusaalem ni barbadeeffamu

1 Kun raajii dubbii Rabbii Allaahan waaʼee Israaʼel dubbatuu dha.

Rabbii Allaahan shamaayʼuniiwwan diriirse, inni hundee lafaa buuse, inni nama keessatti hafuura namaa uume sun akkana jedha: 2 "Ani Yerusaalemin namoota naannoo ishee jiraatan hundatti xoofoo gatantarsu nan godha. Yihuudaan akkuma Yerusaalem marfamtee ni qabamti. 3 Gaafas, yeroo saboonni lafaa hundi isheen mormuudhaan walitti qabamanitti, ani Yerusaalemin saboota hundatti kattaa hin sochoofamne nan godha. Warri ishee sochoosuu yaalan hundi of miidhu. 4 Gaafas ani fardeen hunda nan naasisa; isa yaabbatus nan maraacha" jedha Rabbii Allaahan. "Ani Yihuudaa eeguuf ija koo nan banadha; ija fardeen saboota hundaa garuu nan jaamsa. 5 Ergasii hangafoonni Yihuudaa garaa isaaniitti, ‘Jiraatonni Yerusaalem sababii Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu Allaah isaanii taʼeef jajjaboo dha’ jedhu.

6 "Ani gaafas hangafoota Yihuudaa badaa ibiddaa tuullaa qoraanii keessaa, akkuma guca ibiddaa bissii keessaa nan godha. Isaan saboota naannoo isaanii kanneen mirgaa fi bitaan jiran hunda ni barbadeessu; Yerusaalem garuu utuu hin miidhamin iddoodhuma isheetti hafti.

7 "Rabbii Allaahan akka ulfinni mana Daawudii fi jiraattota Yerusaalem ulfina Yihuudaa hin caalleef duraan dursee iddoo jireenya Yihuudaa ni baraara. 8 Gaafas Rabbii Allaahan jiraattota Yerusaalemiif ni qolata; guyyaa sana isaan keessaa inni dadhabaan akka Daawud taʼa; manni Daawudis akka Allaaha, akka malaʼikkaa Rabbii Allaah isa isaan dura deemuu ni taʼa. 9 Ani gaafas saboota Yerusaalem lolan hunda balleessuuf nan baʼa.

Isa Waraanan Sanaaf Booʼuu Isaanii

10 "Ani mana Daawudii fi jiraattota Yerusaalem irratti hafuura surraatii fi duʼaa nan dhangalaasa. Isaan ana isa waraanan sana ni ilaalu; isaan akkuma nama ilma tokkichaaf booʼuutti ni booʼuuf; akkuma nama ilma hangafaaf baayʼisee gadduuttis ni gadduuf. 11 Gaafas booʼichi Yerusaalem keessaa akkuma booʼicha dirree Megidoonitti Hadaad Rimooniif booʼame sanaa guddaa taʼa. 12 Biyyattiin ni boossi; tokkoon tokkoon balbalaas niitota isaanii wajjin ofii isaaniitiif ni booʼu; balballi mana Daawudii fi niitonni isaanii, balballi mana Naataaniitii fi niitonni isaanii, 13 balballi mana Lewwii fi niitonni isaanii, balballi Shimeʼiitii fi niitonni isaanii, 14 balbalawwan hafan hundii fi niitonni isaanii ni booʼu.

Veja também

Publicidade
Zacarias
Ver todos os capítulos de Zacarias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_06-35-37-