1 "Gaafas mana Daawudii fi jiraattota Yerusaalem cubbuu fi xuraaʼummaa irraa akka qulqulleessuuf burqaan tokko ni banama.
2 "Ani gaafas maqaa waaqeffatamtoota tolfamoo biyyattii keessaa nan balleessa; isaan lammata hin yaadataman" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. "Ani nabiiʼiyyootaa fi hafuura xuraaʼummaa biyyattii keessaa nan balleessa. 3 Yoo namni tokko ammas raajii dubbate, abbaa fi haati isaa, warri isa dhalche, ‘Ati maqaa Rabbii Allaahatiin waan soba dubbatteef duʼuu qabda’ jedhuun. Yeroo inni raajii dubbatutti abbaa fi haati isaa warri isa dhalche isa waraanu.
4 "Guyyaa sana nabiiʼiyyiin hundinuu sababii mulʼata raajii isaatiif ni qaanaʼa; inni gowwoomsuudhaaf wayyaa nabiiʼiyyii kan rifeensa irraa hojjetame hin uffatu. 5 Inni, ‘Ani qotee bulaadha malee nabiiʼiyyii miti; ijoollummaa kootii jalqabee namni na gurguree ture’ jedha. 6 Yoo namni tokko, ‘Madaan dhagna kee irraa kun maali?’ jedhee gaafate, inni, ‘Madaan kun madaa ani mana michoota kootti madaaʼee dha’ jedhee deebisa.
7 "Yaa goraadee, tiksee kootti,
nama natti dhiʼaatu sanatti kaʼi!" jedha
Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.
"Ati tiksee rukuti;
hoolonni ni bittinneeffamu;
anis harka koo warra xixinnaatti nan deebifadha.
8 Lafa hunda irratti" jedha Rabbii Allaahan,
"Harka sadii keessaa harki lama rukutamee bada;
taʼus harka sadii keessaa harki tokko achitti hafa.
9 Ani harka sadaffaa kana ibiddattin naqa;
akkuma meetii baqsee isaan nan qulqulleessa;
akka warqeetti isaan nan qora.
Isaan maqaa koo ni waammatu;
anis deebii nan kennaaf;
ani, ‘Isaan saba koo ti’ nan jedha;
isaan immoo, ‘Rabbii Allaah keenya’ jedhu."