1 Nabiiʼiyyiin dubbii Rabbii Allaah biyya Hadraakitti ni dhufa;
Damaasqoo irras ni buʼa;
iji namoota hundaa fi gosoota Israaʼel hundaa gara
Rabbii Allaahan ni ilaalaatii;
2 akkasumas gara Hamaati ishee daangaa irraa,
isaan ogeeyyii taʼan iyyuu gara Xiiroosii fi Siidoonaas ni ilaala.
3 Xiiroos daʼannoo jabaa ijaarratteerti;
meetii akka awwaaraatti,
warqees akkuma kosii daandii irraatti tuullateerti.
4 Gooftaan garuu qabeenya ishee irraa fuudhee humna ishee
galaana irratti barbadeessa;
isheenis ibiddaan dhumti.
5 Ashqaloon waan kana argitee ni sodaatti;
Gaazaan immoo dhukkubsattee aaddi;
Eqroonis akkasuma taati; abdiin ishee coollageeraatii.
Gaazaan mootii ishee ni dhabdi;
Eqroonis ontee hafti.
6 Namoonni ormaa Ashdoodin ni qabatu;
anis of tuulummaa Filisxeemotaa nan balleessa.
7 Ani dhiiga afaan isaanii keessa jiru,
nyaata dhowwames ilkaan isaanii gidduudhaa nan baasa.
Warri hafanis kan Allaah keenyaa taʼanii
Yihuudaa keessattis bulchitoota taʼu;
Eqroon immoo akka warra Yebuusotaa ni taati.
8 Ani garuu loltuu cabsitee seentu
mana koo irraa nan dhowwa.
Lammata hacuuccuun saba koo irra hin burraaqxu;
ani amma dammaqee nan eegaatii.
9 Yaa Intala Xiyoon ati guddisii gammadi!
Yaa Intala Yerusaalem iyyi!
Kunoo mootiin kee qajeelaan,
fayyina qabatee,
gad of qabee harree yaabbatee,
ilmoo harree jechuunis harree xinnoo yaabbatee gara kee dhufaa jira.
10 Ani gaariiwwan lolaa Efreem keessaa,
fardeen lolaas Yerusaalem keessaa nan balleessa;
iddaan waraanaas ni caccaba.
Inni sabootatti nagaa ni labsa;
bulchiinsi isaa galaana tokkoo irraa hamma galaana biraatti,
Laga Efraaxiisiitii hamma daarii lafaatti balʼata.
11 Siʼi immoo, sababii dhiiga kakuu ani si wajjin qabuutiif
hidhamtoota kee ani boolla bishaan hin qabne keessaa baasee gad nan dhiisa.
12 Yaa hidhamtoota abdii qabdan, daʼannoo keessanitti deebiʼaa;
ani ammas harka lama godhee isiniif nan deebisa.
13 Ani akkan iddaa koo dabsadhutti Yihuudaa dabsee
Efreem keessa nan guuta.
Yaa Xiyoon, ani ilmaan kee
ilmaan Giriikitti nan kaasa;
siʼi immoo akka goraadee goota tokkoo nan godhadha.
14 Rabbii Allaahan isaan irratti ni mulʼata;
xiyyi isaa akka bakakkaa ni balaqqisa.
Rabbii Allaahan Gooftaan malakata ni afuufa;
inni bubbee kibbaatiin deema;
15 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu isaan eega.
Isaan dhagaa furrisaatiin barbadeessanii moʼatu.
Isaan akkuma daadhii wayinii dhuganii
akkuma waciitii ittiin golee iddoo aarsaatti facaasaniitti ni guutamu.
16 Akkuma tikseen bushaayee isaa oolchu sana,
Rabbii Allaahan isaanii gaafas saba isaa ni oolcha.
Isaan akkuma faaya gonfoo irraatti
biyya isaa keessatti ni calaqqisu.
17 Isaan akkam nama hawwatu! Akkamis miidhagu!
Midhaan dargaggoota,
daadhiin wayinii haaraan immoo shamarran jajjabeessa.