Publicidade

Zacarias 7

Murtii Qajeelaa fi Araara malee Sooma miti

1 Bara Daariyoos Mootichaa keessa waggaa afuraffaatti, bultii afuraffaa jiʼa saglaffaa, jiʼa Kaaseluu jedhamu keessa dubbiin Rabbii Allaah gara Zakariyaa dhufe. 2 Namoonni Beetʼeel akka isaan Rabbii Allaah kadhataniif Sharezerii fi Reege-Meleekin namoota isaanii wajjin ergan; 3 kunis akka isaan, "Ani akkuman waggoota hedduu godhe sana ammas jiʼa shanaffaa keessa gaddee soomuu qabaa?" jedhanii luboota mana qulqullummaa Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼuutii fi nabiiʼiyyoota gaafataniif.

4 Dubbiin Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼuu akkana jedhee gara koo dhufe; 5 "Uummata biyya kanaatii fi luboota hunda akkana jedhii gaafadhu; ‘Isin waggoota torbaataman darban yeroo jiʼa shanaffaa fi torbaffaa keessa soomtanii gadditanitti dhugumaan anaaf soomtanii? 6 Yeroo nyaattanii fi dhugdanittis ofuma keessaniif nyaattanii dhugdan mitii? 7 Dubbiin kun isa Rabbii Allaahan gaafa Yerusaalemii fi magaalaawwan naannoo ishee nagaa fi badhaadhummaadhaan jiraatanitti, yeroo Negeebii fi gaarran lixaa bira namoonni jiraachaa turanitti karaa nabiiʼiyyoota isaa kanneen duriitiin dubbate mitii?’ "

8 Dubbiin Rabbii Allaah ammas akkana jedhee gara Zakariyaa dhufe: 9 "Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Murtii qajeelaadhaan bulchaa; waliif araaramaa; garaas walii laafaa. 10 Isin haadha hiyyeessaa yookaan ijoollee abbaa hin qabne yookaan alagaa yookaan hiyyeeyyii hin hacuucinaa. Garaa keessanitti hammina walitti hin yaadinaa.’

11 "Isaan garuu dhagaʼuu didan; mataa jabinaanis dugda isaanii itti gatanii gurra isaanii cuqqaallatan. 12 Isaan garaa isaanii akkuma dhagaa jabeeffatanii seera yookaan dubbii Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu karaa nabiiʼiyyoota isaa kanneen duriitiin Hafuura isaatiin erge dhaggeeffachuu didan. Kanaafuu Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akka malee aare.

13 " ‘Yeroo ani waametti, isaan na hin dhaggeeffanne; kanaafuu yoo isaan na waammatan ani isaan hin dhaggeeffadhu’ jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. 14 ‘Ani bubbeedhaan saba isaan hin beekne hunda gidduutti isaan nan bittinneesse. Biyyi isaanii hamma namni itti galuu fi keessaan darbu tokko iyyuu dhabamutti isaan booddee ni onte. Isaan akkasiin biyya namatti toltu sana onsan.’ "

Veja também

Publicidade
Zacarias
Ver todos os capítulos de Zacarias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-