Publicidade

Zacarias 2

Namicha Funyoo Safaraa Qabu

1 Ani ol nan milʼadhe; kunoo, namichi funyoo safaraa harkatti qabate tokko fuula koo dura ture! 2 Anis, "Ati garam deemuutti jirta?" jedheen gaafadhe.

Innis, "Ani Yerusaalemin safaree balʼinaa fi dheerina ishee beekuufan deema" jedhee naaf deebise.

3 Ergasii malaʼikkaan natti dubbachaa ture sun kaʼee deeme; malaʼikkaan biraa isa arguu dhufee 4 akkana jedheen: "Dhaqiitii dargaggeessa sanatti akkana jedhii himi; ‘Yerusaalem sababii baayʼina namaa fi horii ishee keessa jiraataniitiif magaalaa dallaa hin qabne taati. 5 Ani mataan koo naannoo isheetti dallaa ibiddaa nan taʼa; ishee keessattis ulfina nan taʼa’ jedha Rabbii Allaahan.

6 "Kottaa! Kottaa! Biyya kaabaa sana keessaa baqadhaa" jedha Rabbii Allaahan; "Ani bubbee shamaayʼun afranitti isin bittinneesseeraatii" jedha Rabbii Allaahan.

7 "Yaa Xiyoon kottu! Ati kan intala Baabilon keessa jiraattu baqadhu!" 8 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhaatii: "Namni si tuqu kam iyyuu argituu ija isaa waan tuquuf, erga Inni Ulfina Qabeessi saboota si saaman sanatti na ergee booddee, 9 akka garboonni isaanii isaan saamaniif ani dhugumaan harka koo isaanitti ol nan kaafadha. Ergasii isin akka Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu na erge ni beektu.

10 "Yaa Intala Xiyoon gammadii ililchi. Ani dhufee gidduu kee nan jiraadhaatii" jedha Rabbii Allaahan. 11 "Bara sana saboonni hedduun gara Rabbii Allaahatti deebiʼanii saba koo taʼu. Ani immoo gidduu kee nan jiraadha; ati akka Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu sitti na erge ni beekta. 12 Rabbii Allaahan akkuma qooda isaa kan biyya qulqulluu keessaatti Yihuudaa ni dhaala; Yerusaaleminis deebiʼee ni filata. 13 Sababii inni iddoo jireenya isaa qulqulluu sanaa ol kaʼeef, sanyiin namaa hundi fuula Rabbii Allaah duratti calʼisaa."

Veja também

Publicidade
Zacarias
Ver todos os capítulos de Zacarias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-