1 Ergasii malaʼikkaan kan natti dubbachaa ture sun deebiʼee akkuma nama hirribaa dammaqfamuutti na dammaqse. 2 Innis, "Ati maal argita?" jedhee na gaafate.
Anis akkana jedheen deebise; "Ani baattuu ibsaa kan guutumaan guututti warqee taʼe cuggeen tokkos isa irra dhaabamee, ibsaawwan torba of irraa qabu kan ibsaawwan sanaaf ujummoowwan torba qabu tokko nan arga. 3 Akkasumas mukkeen ejersaa lama, tokko karaa mirga cuggeetiin, kaan immoo karaa bitaa cuggeetiin jira."
4 Anis, "Yaa gooftaa wanni kun maali?" jedheen malaʼikkaa kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe.
5 Inni immoo, "Ati isaan maal akka taʼan hin beektuu?" jedhee naaf deebise.
Anis, "Yaa gooftaa ko, ani hin beeku" jedheen deebise.
6 Kanaafuu inni akkana naan jedhe; "Kun dubbii Rabbii Allaah kan Zarubaabeliif kennamee dha: ‘Hafuura kootiin malee jabinaan yookaan humnaan miti’ jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.
7 "Yaa tulluu guddaa ati maali? Ati fuula Zarubaabel duratti lafa diriiraa taata. Innis, ‘Surraan, surraan isaaf haa taʼu!’ jedhanii iyyaa inni dhagaa xumuraa baasa."
8 Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: 9 "Harki Zarubaabel hundee mana qulqullummaa kanaa buuseera; harkuma isaatu ijaaree fixa. Ergasii isin akka Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu isinitti na erge ni beektu.
10 "Eenyutu guyyicha waan xinnoo tuffata? Namoonni gaafa harka Zarubaabel keessatti tunbii arganitti ni ililchu. Wantoonni torban kunneen ijawwan Rabbii Allaah kanneen lafa hunda irra nanaannaʼanii ilaalanii dha."
11 Anis, "Mukkeen ejersaa lamaan karaa mirgaa fi bitaa baattuu ibsaa jiran kunneen maali?" jedheen malaʼikkaa sana gaafadhe.
12 Ammas ani, "Dameen muka ejersaa lamaan ujummoo warqee lamaan biraa kanneen zayitii warqee gad dhangalaasan kunneen maali!" jedheen isa gaafadhe.
13 Innis, "Isaan maal akka taʼan ati hin beektuu?" naan jedhe.
Anis, "Yaa gooftaa ko, ani hin beeku" nan jedheen.
14 Kanaafuu inni, "Isaan kunneen warra lamaan akka Gooftaa lafa hundaa tajaajilaniif dibamanii dha" jedhe.