Pular para o conteúdo
Publicidade

Zakariyaa 3

Uffata Qulqulluu Luba Ol Aanaa

1 Innis utuu Yushuʼaan lubichi ol aanaan fuula malaʼikkaa Rabbii Allaah dura dhaabatee, Sheeyxaanni immoo isa himachuuf karaa harka mirga isaa dhaabatuu na argisiise. 2 Rabbii Allaahanis Sheeyxaanaan akkana jedhe; "Sheeyxaana nana, Rabbii Allaahan si haa ifatu! Rabbii Allaahan inni Yerusaalemin filate si haa ifatu! Namichi kun mukukkula ibidda bobaʼu keessaa butame mitii?"

3 Yushuʼaan yeroo malaʼikkaa sana dura dhaabatetti uffata xuraaʼaa uffatee ture. 4 Malaʼikkaan sunis warra isa dura dhaabachaa turan sanaan, "Uffata isaa xuraaʼaa isa irraa baasaa" jedhe.

Innis ergasii Yushuʼaadhaan, "Kunoo ani cubbuu kee sirraa fuudhee uffata miidhagaa sittin uffisa" jedhe.

5 Anis, "Mataa isaa irra marata qulqulluu kaaʼaafii" nan jedhe. Kanaafuu isaan utuma malaʼikkaan Rabbii Allaah sun achi dhaabatee jiruu, marata qulqulluu mataa isaa irra kaaʼanii uffata itti uffisan.

6 Malaʼikkaan Rabbii Allaah sunis ajaja kana Yushuʼaaf kenne: 7 "Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; Ati yoo karaa koo irra deemtee ajaja koo eegde, mana koo ni bulchita; itti gaafatamaa oobdii koo ni taata; anis warra as dhadhaabatan kana gidduutti iddoo siif nan kenna.

8 " Yaa Yushuʼaa lubicha ol aanaa, atii fi gareen kee warri fuula kee dura tataaʼan, namoonni waan dhufuuf jiruuf mallattoo taʼan waan kana dhaggeeffadhaa. Ani tajaajilaa koo Damee sana nan fida. 9 Dhagaa ani fuula Yushuʼaa dura kaaʼe ilaalaa! Dhagaa tokkicha sana irra ija torbatu jira; anis barreeffama isa irratti nan qiriixajedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu; Cubbuu biyya kanaas guyyuma tokkotti nan balleessa.

10 " Bara sana tokkoon tokkoon namaa muka wayiniitii fi muka harbuu isaa jala taaʼuuf ollaa isaa ni waammatajedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu."

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também