Publicidade

Zacarias 10

Rabbii Allaahan Yihuudaa ni Kunuunsa

1 Yeroo bokkaa isa booddeetti akka inni bokkaa isiniif kennuuf Rabbii Allaah kadhadhaa;

bakakkaa kan ergu Rabbii Allaah dha.

Inni bokkaa lolaʼu nama hundaaf,

biqiltuu dirree immoo tokkoo tokkoo namaatiif ni kenna.

2 Waaqeffatamtoonni tolfamoon gowwoomsaa dubbatu;

nabiiʼiyyoonni mulʼata sobaa argu;

isaan abjuu sobaa namatti himu;

waan faayidaa hin qabneen nama jajjabeessu.

Kanaafuu sabni kun akkuma hoolaa tiksee hin qabnee

hacuucamee asii fi achi joora.

3 "Aariin koo tiksootatti bobaʼeera;

ani reʼoota nan adaba;

Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu

bushaayee isaa, mana Yihuudaa ni toʼata;

lola keessattis akka farda jabaa isaan taasisa.

4 Yihuudaa keessaa dhagaan golee,

isa keessaa qofoon dunkaanaa,

isa keessaa iddaan lolaa,

isa keessaa bulchaan hundi ni dhufa.

5 Isaan akkuma namoota jajjaboo

waraana keessatti tokkummaadhaan daandii dhoqqee irra deemu.

Sababii Rabbii Allaahan isaan wajjin jiruuf

isaan lolanii abbootii fardeenii qaanessu.

6 "Ani mana Yihuudaa nan jajjabeessa;

mana Yuusufis nan oolcha.

Ani waanan garaa isaaniif laafuuf

deebisee isaan nan dhaaba.

Isaan akkuma waan ani duraanuu

isaan hin gatinii taʼu;

ani Rabbii Allaah isaanii ti;

deebiis isaaniif nan kenna.

7 Efreemonni akkuma namoota jajjaboo taʼu;

garaan isaaniis akkuma nama daadhii wayiniitiin gammaduu ni gammada.

Ijoolleen isaanii waan kana arganii ni gammadu;

garaan isaanii Rabbii Allaahatti ni gammada.

8 Ani siiqsee

walitti isaan nan qaba.

Ani dhugumaan isaan nan fura;

isaan akkuma duraa sana ni baayʼatu.

9 Yoo ani saboota gidduutti

isaan bittinneesse iyyuu isaan biyya fagootti na yaadatu.

Isaanii fi ijoolleen isaanii lubbuudhaan ni jiraatu;

ni deebiʼus.

10 Ani biyya Gibxiitii deebisee isaan nan fida;

Asoor keessaas walittin isaan qaba.

Ani gara Giliʼaadii fi Libaanoonitti isaan nan fida;

iddoon isaan gaʼus hin argamu.

11 Inni galaana rakkinaa keessa darba;

dhaʼaa galaanaas ni rukuta;

tuujubawwan Abbayyaa hundinuu ni gogu.

Of tuulummaan Asoor gad deebiʼa;

bokkuun mootummaa Gibxis ni bada.

12 Ani Rabbii Allaahan isaan nan jabeessa;

isaanis maqaa isaatiin deddeebiʼu"

jedha Rabbii Allaahan.

Veja também

Publicidade
Zacarias
Ver todos os capítulos de Zacarias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-