1 Dubbiin Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼuu ammas gara koo dhufe.
2 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: "Ani Xiyooniif hinaaffaa guddaa qaba; hinaaffaa isheetiin guggubachaan jira."
3 Rabbii Allaahan akkana jedha: "Ani Xiyoonitti deebiʼee Yerusaalem keessa nan jiraadha. Yerusaalemis Magaalaa Dhugaa jedhamti; tulluun Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼuus Tulluu Qulqulluu jedhamee ni waamama."
4 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: "Ammas yeroo tokko jaarsolii fi jaartoliin daandii Yerusaalem irra ni tataaʼu; tokkoon tokkoon isaanii sababii dulluma isaaniitiif ulee harkatti qabatu. 5 Daandiin magaalattii ijoollee dhiiraa fi durbaa kanneen achi taphataniin ni guutama."
6 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: "Yeroo sanatti wanni kun hambaa saba kanaatiif dinqii taʼu dandaʼa; anaaf garuu kun dinqii taʼuu dandaʼaa?" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.
7 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: "Ani biyyoota baʼa biiftuutii fi lixa biiftuu keessaa saba koo nan baasa. 8 Ani akka isaan Yerusaalem keessa jiraataniif isaan nan deebisa; isaan saba koo ni taʼu; anis dhugaa fi qajeelummaadhaan Allaah isaanii nan taʼa."
9 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: "Isin warri amma dubbii nabiiʼiyyoonni yeroo hundeen mana Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼuu buufametti achi turan dubbatan kana dhageessan, akka manni qulqullummaa ijaaramuuf irreen keessan haa jabaatu. 10 Yeroo sanaan dura mindaan tokko iyyuu namaaf yookaan horiif hin baafamu turre. Namni tokko iyyuu sababii diina isaatiif nagaadhaan hojii isaatiif baʼee hin galu ture; ani nama hunda walitti kaaseen tureetii. 11 Garuu ani amma akkan duraan hojjedhe sana hambaa saba kanaatti hin hojjedhu" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.
12 "Sanyiin akka gaarii biqila; mukni wayiniis ija naqata; lafti midhaan kenniti; shamaayʼuniiwwanis fixeensa isaanii coccobsu. Ani waan kana hunda dhaala godhee hambaa saba kanaatiif nan kenna. 13 Yaa Yihuudaa fi Israaʼel akkuma isin saboota gidduutti waan abaarsaa turtan sana, ani isin baasee akka isin eebba taatan nan godha. Harki keessan haa jabaatuu malee hin sodaatinaa."
14 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: "Ani akkuma gaafa abbootiin keessan na aarsanitti balaa isinitti fiduu yaadee isinii naʼuu dide sana" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu; 15 "Kanaafuu ani amma Yerusaalemii fi Yihuudaaf waan gaarii hojjechuu murteesseera. Isin hin sodaatinaa. 16 Wanni isin gochuu qabdan kana: Dhugaa walitti dubbadhaa; karra keessan duratti murtii dhugaa fi nagaa kennaa; 17 ollaa keessanitti waan hamaa hin malinaa; sobaan kakachuu illee hin jaalatinaa. Ani waan kana hunda nan jibbaa" jedha Rabbii Allaahan.
18 Ammas dubbiin Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼuu gara koo dhufe.
19 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: "Soomni jiʼa afuraffaa, shanaffaa, torbaffaa fi kurnaffaa Yihuudaaf yeroo gammachuu fi ililchuu, akkasumas yeroo ayyaana gammachuu taʼa. Kanaafuu dhugaa fi nagaa jaalladhaa."
20 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: "Uummanni hedduunii fi jiraattonni magaalaa hedduun ammas ni dhufu; 21 jiraattonni magaalaa tokkoo gara magaalaa biraa dhaqanii, ‘Kottaa mee Rabbii Allaah kadhachuu fi Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu barbaadachuuf dafnee haa deemnu. Ani mataan koo iyyuu nan deema’ jedhu. 22 Uummanni baayʼeenii fi saboonni humna qabeeyyiin Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu barbaadachuu fi isa kadhachuuf gara Yerusaalem ni dhufu."
23 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: "Bara sana keessa afaanii fi saba hunda keessaa namoonni kudhan dhufanii handaara wandaboo namicha Yihuudii tokkoo qabatanii, ‘Nu akka Allaahan isin wajjin jiru waan dhageenyeef, si wajjin haa deemnu’ jedhuun."