1 Bara Daariyoos keessa, jiʼa saddeettaffaa waggaa lammaffaatti dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara Zakariyaa nabiiʼiyyicha ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe:
2 "Rabbii Allaahan akka malee abbootii keessanitti aaree ture. 3 Kanaafuu akkana jedhii sabatti himi; Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Gara kootti deebiʼaa’ jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu; ‘Anis gara keessanitti nan deebiʼaa’ jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. 4 Isin akka abbootii keessan kanneen nabiiʼiyyoonni durii, Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, ‘Karaa keessan hamaa fi gochawwan keessan hamaa sana irraa deebiʼaa’ jedha, jedhanii itti lallaban sanaa hin taʼinaa. Isaan garuu hin dhaggeeffatan yookaan na hin qalbeeffatan, jedha Rabbii Allaahan. 5 Abbootiin keessan amma eessa jiru? Nabiiʼiyyoonnis bara baraan jiraatuu? 6 Garuu dubbiin koo fi seerri koo kan ani tajaajiltoota koo nabiiʼiyyoota ajaje sun abbootii keessan irra hin geenyee?
"Ergasii isaan qalbii jijjiirratanii, ‘Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkuma gochuuf murteesse sanatti waan karaa keenyaa fi gochawwan keenyaaf malu nutti godhe’ jedhan."
7 Bara Daariyoos keessa, waggaa lammaffaatti, bultii afuraffaa jiʼa kudha tokkoffaa, jiʼa Shebaaxi jedhamu keessa dubbiin Rabbii Allaah gara Zakariyaa nabiiʼiyyichaa ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe.
8 Ani halkan keessa mulʼataan namicha farda diimaa yaabbatu tokko fuula koo duratti nan arge! Innis mukkeen kusaayee kanneen laga keessaa gidduu dhaabatee ture. Dugda isaa duubaan fardeen diddiimoo, mammagaallanii fi adaadiitu ture.
9 Anis, "Yaa gooftaa ko, wantoonni kunneen maali!" jedheen gaafadhe.
Malaʼikkaan natti dubbachaa tures, "Isaan maal akka taʼan ani sin argisiisa" naan jedhe.
10 Kana irratti namichi mukkeen kusaayee gidduu dhaabatee jiru sun, "Kunneen warra akka isaan guutummaa lafaa keessa deemaniif Rabbii Allaahan ergee dha" jedhee naa ibse.
11 Isaanis, "Nu lafa guutuu irra naannofnee akka lafti guutuun boqonnaa fi nagaa qabdu argine" jedhanii malaʼikkaa Rabbii Allaah kan mukkeen kusaayee gidduu dhaabate sanatti himan.
12 Malaʼikkaan Rabbii Allaahas, "Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu, ati Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa kanneen waggoota torbaatama itti aarteef hamma yoomiitti hin araaramtu?" jedhe. 13 Rabbii Allaahanis dubbii gaarii fi dubbii jajjabeessuun malaʼikkaa na wajjin dubbachaa ture sanatti dubbate.
14 Ergasii malaʼikkaan natti dubbachaa ture sun akkana jedhe; "Dubbii kana labsi: Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ani Yerusaalemii fi Xiyooniif akka malee nan hinaafa; 15 ani garuu saboota waan nagaa qaban of seʼanitti akka malee aareera. Ani xinnuma aareen ture; isaan garuu ittuma fufanii hamaa hojjetan.’
16 "Kanaafuu Rabbii Allaahan akkana jedha: ‘Ani araaraan Yerusaalemitti nan deebiʼa; manni koos deebifamee ni ijaarama. Funyoon ittiin safaranis Yerusaalem irra ni diriirfama’ jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.
17 "Ammas ittuma fufiitii Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha, jedhii labsi: ‘Magaalaawwan koo deebiʼanii badhaadhummaadhaan ni guutamu; Rabbii Allaahanis Xiyoonin ni jajjabeessa; Yerusaalemis ni filata.’ "
18 Ammas ol nan milʼadhe; kunoo, fuula koo dura gaanfa afurtu ture! 19 Anis, "Kun maali?" jedheen malaʼikkaa natti dubbachaa ture sana gaafadhe.
Innis, "Kunneen gaanfawwan Yihuudaa, Israaʼelii fi Yerusaalemin gargar bittinneessanii dha" jedhee naaf deebise.
20 Rabbii Allaahanis ergasii ogeeyyii hojii harkaa afur na argisiise. 21 Anis, "Isaan kunneen maal hojjechuuf dhufan?" jedheen gaafadhe.
Innis akkana jedhee deebise; "Isaan kunneen gaanfawwan akka namni tokko mataa isaa ol hin qabanneef Yihuudaa bittinneessanii dha; ogeeyyiin hojii harkaa kunneen garuu isaan rifachiisuu fi gaanfawwan saboota uummata ishee bittinneessuuf gaanfawwan isaanii biyya Yihuudaatti ol fudhatan kanneenii balleessuuf dhufan."