Publicidade

Ageu 2

Ulfina Manicha Haaraa

1 Jiʼa torbaffaa keessaa, bultii digdamii tokkoffaatti dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee karaa Haagee nabiiʼiyyichaatiin dhufe; 2 "Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel bulchaa Yihuudaatti, Yushuʼaa ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaattii fi hambaa uummataatti dubbadhu. Akkanas jedhii isaan gaafadhu; 3 ‘Isin keessaa namni mana kana ulfina isaa kan duraa sana argee amma iyyuu jiru eenyu? Inni amma maal isinitti fakkaata? Waanuma faayidaa hin qabne tokko isinitti hin fakkaatuu? 4 Yaa Zarubaabel, egaa amma jabaadhu’ jedha Rabbii Allaahan. ‘Yaa Yushuʼaa ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaa atis jabaadhu. Isinis sabni biyya kanaa hundinuu jabaadhaatii hojjedhaa’ jedha Rabbii Allaahan. ‘Ani isin wajjinan jiraatii’ jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. 5 ‘Yeroo isin biyya Gibxii baatan sanatti, kakuun ani isin wajjin galee kanaa dha. Hafuurri koo isin gidduu jira. Isin hin sodaatinaa.’

6 "Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Ani ammas yeroo gabaabaa keessatti deebiʼee shamaayʼuniiwwanii fi lafa, galaanaa fi lafa goggogaa nan raasa. 7 Ani saboota hunda nan raasa; qabeenyi sabootaa hundi ni dhufa; anis mana kana ulfinaan nan guuta’ jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. 8 ‘Meetiin kan koo ti; warqeenis kan koo ti’ jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. 9 ‘Ulfinni mana ammaa kun ulfina mana duraa sanaa ni caala’ jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. ‘Anis iddoo kanatti nagaa nan kenna’ jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu."

Qulqullummaa fi Xuraaʼummaa

10 Waggaa lammaffaa bulchiinsa Daariyoos keessa, bultii digdamii afuraffaa jiʼa saglaffaatti, dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara Haagee nabiiʼiyyichaa dhufe; 11 "Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Waan seerri jedhu luboota gaafadhu; 12 yoo namni tokko foon qulqulleeffamee Allaahaf kenname fuudhee dachaa wayyaa isaa keessatti baatee wayyaan sun buddeena yookaan ittoo, daadhii wayinii, zayitii yookaan nyaata gosa biraa tuqe, nyaanni sun ni qulqulleeffamaa?’ "

Luboonnis, "Waawuu" jedhanii deebisaniif.

13 Ergasii Haageen akkana jedhe; "Namni reeffa tuqee xuraaʼe tokko yoo wantoota kanneen keessaa tokko tuqe wanni sun ni xuraaʼaa?"

Luboonni sunis, "Eeyyee, wanni sun ni xuraaʼa" jedhanii deebisaniif.

14 Haageen akkana jedhe; " ‘Uummanni kunii fi sabni kun fuula koo duratti akkasuma’ jedha Rabbii Allaahan. ‘Wanni isaan hojjetan hundii fi wanni isaan achitti dhiʼeessan hundi xuraaʼaa dha.

15 " ‘Egaa guyyaa kanaa jalqabaatii of eeggannaadhaan qalbeeffadhaa; mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessatti haala utuu dhagaan tokko dhagaa kaan irra hin kaaʼamin dura ture hubadhaa. 16 Namni kam iyyuu yeroo gara tuullaa safartuu digdamaa dhufetti safartuu kudhan qofa argate. Namni kam iyyuu yeroo daadhii wayinii safartuu shantama waraabbachuuf gara boolla itti wayinii cuunfanii dhaqetti safartuu digdama qofa argate. 17 Ani hojii harka keessanii hunda waagiidhaan, awwaaroo fi cabbiidhaan nan rukute; isin garuu gara kootti hin deebine’ jedha Rabbii Allaahan. 18 Guyyaa kanaa jalqabaatii jechuunis guyyaa digdamii afuraffaa jiʼa saglaffaa kanaa jalqabaatii hamma guyyaa hundeen mana qulqullummaa Rabbii Allaah buufameetti of eeggannaadhaan qalbeeffadhaa. 19 Amma iyyuu sanyiin gombisaa keessatti hafe tokko iyyuu jiraa? Hamma ammaatti mukni wayiniitii fi mukni harbuu, roomaanii fi mukni ejersaa ija hin naqanne.

" ‘Ani guyyaa kanaa jalqabee isin nan eebbisa.’ "

Zarubaabel Qubeelaa Chaappaa Rabbii Allaah

20 Dubbiin Rabbii Allaah bultii digdamii afuraffaa jiʼa sanaatti yeroo lammaffaa akkana jedhee gara Haagee dhufe; 21 "Akka ani shamaayʼuniiwwanii fi lafa raasuuf jiru Zarubaabel bulchaa Yihuudaatti himi. 22 Ani teessoo moototaa nan garagalcha; humna mootummoota biyya alaas nan barbadeessa. Ani gaariiwwanii fi ooftota isaanii nan garagalcha; fardeenii fi warra fardeen yaabbatan ni kufu; tokkoon tokkoon isaanii goraadee obboleessa isaaniitiin ni kufu.

23 " ‘Guyyaa sana’ jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu; ‘Yaa tajaajilaa koo Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel, ani sin fudhadha’ jedha Rabbii Allaahan; ‘Ani waanan si filadheef akka qubeelaa chaappaa koo sin godhadha’ jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu."

Veja também

Publicidade
Ageu
Ver todos os capítulos de Ageu
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-