1 Bara bulchiinsa Daariyoos Mootichaa keessaa waggaa lammaffaatti, guyyaa tokkoffaa jiʼa jaʼaffaatti, dubbiin Rabbii Allaah karaa Haagee Nabiiʼiyyichaatiin gara ilma Sheʼaltiiʼeel gara Zarubaabel bulchaa Yihuudaatii fi gara Yushuʼaa ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaa akkana jedhee dhufe:
2 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: "Sabni kun, ‘Yeroon itti manni Rabbii Allaah ijaaramu amma illee hin geenye’ jedha."
3 Ergasii dubbiin Rabbii Allaah karaa Haagee Nabiiʼiyyichaatiin akkana jedhee dhufe: 4 "Yeroon kun yeroo isin utuu manni kun diigamee jiruu manneen keessan kanneen miidhagfaman keessa jiraattaniidhaa?"
5 Ammas Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: "Yaada keessan karaa keessan irra kaaʼadhaa. 6 Isin sanyii baayʼee facaafattanii waan xinnoo haammattaniirtu. Isin ni nyaattu; garuu hin quuftan. Ni dhugdu; garuu dheebuu hin baatan. Wayyaa ni uffattu; garuu isinitti hin hoʼu. Namni mindaa fudhatu akkuma nama mindaa isaa korojoo tarsaʼaa keessa kaaʼatuu ti."
7 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: "Karaa keessan hubadhaa. 8 Tulluutti ol baʼaa; muka fidaa; manicha ijaaraa; anis isatti nan gammada; nan kabajamas" jedha Rabbii Allaahan. 9 "Isin waan baayʼee abdattan; garuu ni xinnaate. Isin manatti galfattan ani immoo nan afuufe. Kun maaliif taʼee?" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. "Kun sababii utuu manni koo diigamee jiruu tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti fiigdaniif. 10 Kanaafuu sababii keessaniif shamaayʼuniiwwan fixeensa isaanii dhowwatan; laftis midhaan ishee dhowwatte. 11 Anis lafa qotiisaa fi tulluuwwaniitti, midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, zayitii fi waan lafti kennitu hundatti, namaa fi loonitti, hojii dadhabbii harka keessaniittis hongee waameera."
12 Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeel, Yushuʼaan ilmi Yehoozaadaaq lubichi ol aanaanii fi hambaawwan uummataa hundi sagalee Rabbii Allaah isaaniitii fi ergaa Haagee nabiiʼiyyichaatiif ajajaman; Rabbii Allaahan isaanii isa ergeeraatii. Uummannis Rabbii Allaah sodaate.
13 Ergasii Haageen malaʼikkaan Rabbii Allaah sun akkana jedhee ergaa Rabbii Allaah kana sabatti hime: "Ani isin wajjinan jira" jedha Rabbii Allaahan. 14 Akkasiin Rabbii Allaahan hafuura Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel bulchaa Yihuudaa, hafuura Yushuʼaa ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaatii fi hafuura hambaa uummata hundaa kakaase. Isaanis dhufanii mana Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼuu, mana Allaah isaanii ijaaruu jalqaban; 15 kunis bara Daariyoos mootichaa keessaa waggaa lammaffaatti, bultii digdamii afuraffaa jiʼa jaʼaffaatti taʼe.