Publicidade

Sofonias 3

Yerusaalem

1 Magaalaa cunqursitootaa,

finciltuu fi xurooftuu sanaaf wayyoo!

2 Isheen nama tokkoof iyyuu hin ajajamtu;

sirreeffama tokko iyyuu hin fudhattu.

Isheen Rabbii Allaah hin amanattu;

Allaah isheettis hin dhiʼaattu.

3 Qondaaltonni ishee leenca aaduu dha;

bulchitoonni ishee yeeyyii galgalaa

kanneen waan tokko illee ganamaaf hin bulfannee dha.

4 Nabiiʼiyyoonni ishee of tuultota;

isaan namoota hin amanamnee dha.

Luboonni ishee iddoo qulqulluu

xureessanii seeras cabsu.

5 Rabbii Allaahan inni ishee keessa jiru qajeelaa dha;

inni dogoggora tokko illee hin hojjetu.

Inni ganama ganama murtii qajeelaa kenna;

guyyaa tokko iyyuu waan kana hojjechuu hin dadhabu;

jalʼoonni garuu qaanii tokko iyyuu hin beekan.

6 "Ani saboota nan balleessa;

daʼannoowwan isaanii diigamaniiru.

Akka namni tokko iyyuu achiin hin dabarreef

ani daandiiwwan ishee onseera.

Magaalaawwan isaanii onanii

nama malee, duwwaa hafu.

7 Ani magaalaa sanaan,

‘Ati dhugumaan na sodaatta;

sirreeffamas ni fudhatta!’ nan jedhe.

Ergasii iddoon jireenya ishee hin badu

yookaan adabbiin koo hundinuu isheetti hin dhufu.

Isaan garuu waan hojjetan hunda keessatti

daba hojjechuutti ciman.

8 Kanaafuu guyyaa ani itti dhugaa baʼu eeggadhu"

jedha Rabbii Allaahan;

"Ani sabootaa fi

mootummoota walitti qabee

dheekkamsa kootii fi

aarii koo sodaachisaa sana hunda

isaanitti dhangalaasuuf murteesseera.

Addunyaan guutuun ibidda

hinaaffaa kootiin gubattee barbadoofti.

9 "Ergasii ani akka hundi isaanii maqaa Rabbii Allaah waammataniif,

akka walii galuudhaan isa tajaajilaniifis

afaan namootaa nan qulqulleessa.

10 Warri anaaf sagadan,

intallan koo kanneen bittinnaaʼan

lageen Itoophiyaa gamaa kennaa naaf fidu.

11 Sababii ani warra of tuulummaa isaaniitti gammadan

magaalaa kana keessaa baasuuf,

gaafas yakka ati natti hojjette

sana hundaaf salphinni sitti hin dhufu.

Ati lammata gaara koo

qulqulluu irratti of hin tuultu.

12 Ani garuu garraamotaa fi

gad of qabeeyyii

kanneen maqaa Rabbii Allaah amanatan

si keessatti nan hambisa.

13 Hambaan Israaʼel

yakka tokko illee hin hojjetan.

Isaan soba hin dubbatan

yookaan gowwoomsaan afaan isaanii keessatti hin argamu.

Isaan nyaatanii boqotu;

kan isaan sodaachisus hin jiru."

14 Yaa Intala Xiyoon ati faarfadhu;

yaa Israaʼel sagalee ol fudhadhuu iyyi!

Yaa Intala Yerusaalem gammadiitii

garaa kee guutuudhaan ililchi!

15 Rabbii Allaahan adaba kee sirraa fuudheera;

inni diinota kee sirraa deebiseera.

Rabbii Allaahan Mootiin Israaʼel, si wajjin jira;

ati lammata balaa tokko illee hin sodaattu.

16 Isaan gaafas

Yerusaalemiin akkana ni jedhu;

"Yaa Xiyoon hin sodaatin;

harki kees hin laafin.

17 Rabbii Allaahan kee

inni si wajjin jiru jabaa dha.

Inni baayʼee sitti gammada;

inni jaalala isaatiin si boqochiisa;

faarfannaadhaanis sitti gammada."

18 "Ani gadda ati ayyaanota murteeffamaniif gadditu

sirraa nan fuudha;

isaan booʼichaa fi salphina sitti taʼu.

19 Ani yeroo sanatti

warra si cunqursan hunda nan adaba;

ani okkolaa nan baraara;

warra gatamanis walitti nan qaba.

Ani biyya isaan itti qaaneffaman hunda keessatti

maqaa fi ulfina isaaniifin kennaaf.

20 Ani yeroo sanatti walittin isin qaba;

yeroo sanatti ani biyya keessanitti isin nan galcha.

Ani yeroo utuma isin argitanuu

boojuu keessan deebisutti

saba lafaa hunda gidduutti

ulfinaa fi maqaa isiniifin kenna"

jedha Rabbii Allaahan.

Veja também

Publicidade
Sofonias
Ver todos os capítulos de Sofonias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-