1 Dubbiin Rabbii Allaah kan bara Yosiyaas ilmi Aamoon mootii Yihuudaa ture keessa gara Sefaaniyaa ilma Kuushii, ilma Gedaaliyaas, ilma Amariyaa, ilma Hisqiyaas dhufe kanaa dha:
2 "Ani fuula lafaa irraa
waan hunda haxaaʼee nan balleessa"
jedha Rabbii Allaahan.
3 "Ani namaa fi horii haxaaʼee nan balleessa;
simbirroota shamaayʼuniitii fi qurxummii galaanaa,
waaqeffatamtoota tolfamoo namoota hamoo
gufachiisan haxaaʼee nan balleessa."
"Ani sanyii namaa lafa irraa nan balleessa"
jedha Rabbii Allaahan.
4 "Ani Yihuudaa fi warra Yerusaalem keessa
jiraatan hundatti harka koo ol nan fudhadha.
Ani hambaa Baʼaal hundaa fi maqaa luboota waaqeffatamtoota tolfamoo waaqeffatanii
iddoo kanaa nan balleessa;
5 warra raayyaa shamaayʼun waaqeffachuuf
qinaaxxii manaa irratti sagadan,
warra sagadanii fi Rabbii Allaahan kakatan,
warra Moolekiinis kakatan,
6 warra Rabbii Allaah duukaa buʼuu dhiisanii duubatti deebiʼan,
warra Rabbii Allaah hin barbaanne yookaan gorsa isaa hin gaafanne nan balleessa."
7 Guyyaan Rabbii Allaah waan dhiʼaateef
fuula Rabbii Allaah Gooftaa duratti calʼisaa.
Rabbii Allaahan aarsaa tokko qopheesseera;
inni warra affeere qulqulleesseera.
8 "Guyyaa aarsaa Rabbii Allaahatti
ani qondaaltota ilmaan mootichaatii fi
warra wayyaa ormaa uffatan hunda nan adaba.
9 Ani gaafas warra buusaa irra utaalan,
kanneen galma waaqeffatamtoota isaanii jeequmsaa fi
gowwoomsaadhaan guutan nan adaba."
10 Rabbii Allaahan akkana jedha;
"Gaafas Karra Qurxummii irraa iyya,
Waltajjii Lammaffaa irraa wawwaannaa,
gaarran irraa immoo
sagalee diigama guddaatu dhagaʼama.
11 Isin warri Makteesh keessa jiraattan wawwaadhaa;
daldaltoonni keessan hundi lafa irraa haxaaʼamu;
warri meetii daldalan hundinuus ni barbadaaʼu.
12 Ani yeroo sana Yerusaalemin ibsaadhaan nan sakattaʼa;
warra qananiidhaan jiraatan,
kanneen akka daadhii wayinii siicoo irratti hafee taʼan,
kanneen, ‘Rabbii Allaahan waan tolaas taʼu waan hamaa
homaa hin godhu’ jedhanii yaadan nan adaba.
13 Qabeenyi isaanii ni saamama;
manni isaanii ni ona.
Isaan mana ijaarratu;
garuu keessa hin jiraatan;
isaan biqiltuu wayinii ni dhaabbatu;
garuu daadhii wayinii hin dhugan."
14 Guyyaan guddichi Rabbii Allaah sun dhiʼaateera;
dhiʼaatees dafee dhufaara.
Dhagaʼaa! Iyyi guyyaa Rabbii Allaah hadhaaʼaa dha;
goonni achitti sagalee ol fudhatee iyya.
15 Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa,
guyyaa dhiphinaa fi gaddaa,
guyyaa rakkinaa fi badiisaa,
guyyaa dukkanaa fi dimimmisaa,
guyyaa duumessaa fi dukkana hamaa ni taʼa;
16 magaalaawwan dallaa jabaa qabanii fi
gamoowwan ol dhedheeroo irratti
guyyaa itti malakata afuufanii fi iyya waraanaa taʼa.
17 "Sababii isaan Rabbii Allaahatti cubbuu hojjetaniif,
ani akka isaan akkuma jaamotaatti deemaniif
uummatatti dhiphina nan fida.
Dhiigni isaanii akkuma awwaaraa,
miʼi garaa isaaniis akkuma kosii gatama.
18 Guyyaa dheekkamsa Rabbii Allaahatti
meetiin isaanii yookaan warqeen isaanii
isaan oolchuu hin dandaʼu."
Ibidda hinaaffaa isaatiin
addunyaan hundi ni barbadoofti;
warra lafa irra jiraatan hundatti
inni badiisa tasaa ni fidaatii.