1 Yaa saba qaanii hin qabne,
walitti qabamaa; walitti qabamaa;
2 utuu yeroon murtaaʼe sun gaʼee
guyyaan sun akkuma habaqiitti isin hin haxaaʼin,
utuu aariin Rabbii Allaah bobaʼaan sun
isinitti hin dhufin,
utuu guyyaan dheekkamsa Rabbii Allaah
isinitti hin dhufin walitti qabamaa.
3 Isin garraamonni lafaa
kanneen waan inni ajaju hojjettan hundi Rabbii Allaah barbaaddadhaa.
Qajeelummaa barbaadaa; gad of qabiisa barbaadaa;
isin guyyaa dheekkamsa Rabbii Allaahatti
ni golbomamtu taʼaatii.
4 Gaazaan duwwaa hafti;
Ashqaloon immoo ni onti.
Sabni Ashdood guyyuma Saafaadhaan ariʼamee baʼa;
Eqroon immoo ni buqqifamti.
5 Yaa Kereetota qarqara galaanaa jiraattan,
isiniif wayyoo;
yaa Kanaʼaan, biyya Filisxeemotaa,
dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee sitti dhufeera;
"Ani sin barbadeessa;
namni tokko iyyuu hin hafu."
6 Biyyi qarqara galaanaa,
iddoon Kaliitonni jiraatan,
iddoo tiksoonni jiraatanii fi gola bushaayee taʼa.
7 Innis handhuuraa hambaa mana Yihuudaa taʼa;
isaan achitti lafa dheedaa argatu.
Isaan galgala galgala
mana Ashqaloon keessa ciciisu.
Rabbii Allaahan isaanii isaan tiksa;
boojuu isaaniis ni deebisaaf.
8 "Ani arrabsoo Moʼaabii fi
Qoosaa Amoonotaa,
warra saba koo arrabsanii fi
biyya isaanii doorsisan sanaa dhagaʼeera.
9 Kanaafuu akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe sana"
jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu,
Allaahan Israaʼel;
"Moʼaab dhugumaan akkuma Sodoom,
Amoononnis akka Gomoraa,
iddoo aramaatii fi boolla soogiddaa,
lafa bara baraan one ni taʼu.
Hambaan uummata kootii isaan saamu;
warri saba koo keessaa badii jalaa baʼan biyya isaanii ni dhaalu."
10 Kun gatii isaan of tuulummaa isaaniitiif argatanii dha;
isaan saba Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuu arrabsanii
itti qoosaniiruutii.
11 Rabbii Allaahan yeroo waaqeffatamtoota biyyattii hunda barbadeessutti,
akka malee isaan sodaachisa.
Saboonni qarqara galaana hundaa irra jiraatan,
namni biyya isaa keessa jiraatu hundinuus isa waaqeffata.
12 "Yaa warra Itoophiyaa
isinis goraadee kootiin ni gorraʼamtu."
13 Inni kaabatti harka ol fudhata;
Asoorinis ni barbadeessa;
Nanawwee guutumaan guutuutti ni onsa;
akkuma gammoojjiitti gogsee hambisa.
14 Bushaayee fi loon,
uumamawwan gosa hundaa achi ciciisu.
Urunguu fi dhaddeen
utubaa ishee irra boqotu.
Sagaleen isaanii foddaawwan keessaan dhagaʼama;
diigamni balbala isaanii dura jira;
demdemoon birbirsaa hundinuu qullaa hafa.
15 Kun magaalaa of hin eegganne
kan garuu nagumaan jiraattuu dha.
Magaalaan kun,
"Anuma qofa malee kan biraa na bira hin jiru" ofiin jette.
Isheen akkam akkas ontee,
iddoo bineensi bosonaa jiraatu taate!
Namni ishee bira baʼee darbu hundinuu ni qoosa;
harka isaas ni raasa.