Publicidade

Hebreus 3

Iisaan Muusaa Caala

1 Kanaafuu yaa obboloota qulqulloota, warra waamicha shamaayʼun keessatti hirmaattan, Iisaa ergamaa fi luba ol aanaa amantii keenyaa sana ilaalaa. 2 Akkuma Muusaan mana Allaaha hunda keessatti amanamaa ture sana innis isa isa muudeef amanamaa ture. 3 Akkuma namni mana ijaaru tokko mana sana caalaa kabaja guddaa qabu, innis Muusaa caalaa kabaja guddaa qaba. 4 Tokkoon tokkoon manaa namaan ijaaramaatii; kan waan hunda ijaare garuu Allaah. 5 Muusaan waan fuul duratti dubbatamuuf jiru dhugaa baʼuuf akka tajaajilaa tokkootti mana Allaaha hunda keessatti amanamaa ture. 6 Al-Masiihiin garuu akka Ilmaatti mana Allaaha irratti amanamaa dha. Nus yoo ija jabina keenyaa fi abdii ittiin boonnu sana jabeessinee qabanne, nu mana isaa ti.

Akeekkachiisa Amantii Dhabuu Irratti Kenname

7 Kanaafuu akkuma Hafuurri Qulqulluun jedhu:

"Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan,

8 akka yeroo qorumsaa gammoojjii

keessatti finciluun gootan sana,

mataa hin jabaatinaa;

9 abbootiin keessan achitti na qoranii na ilaalan;

waggaa afurtamas waan ani hojjedhe argan.

10 Kanaafuu ani dhaloota sanatti aaree,

‘Yeroo hunda qalbii isaaniitiin dogoggoru;

isaan karaa koo hin beekne’ jedhe.

11 Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin,

‘Isaan boqonnaa kootti hin galan’ jedhee kakadhe."

12 Yaa obboloota, akka isin keessaa namni tokko iyyuu garaa hamaa fi hin amanne kan Allaah jiraataa irraa nama fageessu hin qabaanneef of eeggadhaa. 13 Garuu isin keessaa akka namni tokko iyyuu gowwoomsaa cubbuutiin mata jabeessa hin taaneef utuu "Harʼa" jedhamaa jiruu guyyuma guyyaan wal jajjabeessaa. 14 Nus yoo amantii keenya isa jalqabaa sana hamma dhumaatti jabeessinee qabanne Al-Masiihii wajjin hirmaattota ni taanaatii. 15 Kunis akkuma,

"Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan,

akka yeroo fincilaa sana,

mataa hin jabaatinaa"

jedhamee barreeffamee dha.

16 Warri dhagaʼanii fincilan sun eenyu? Warra Muusaan qajeelchee Gibxii baase sana hunda mitii? 17 Allaahan waggaa afurtama eenyu faatti aare? Warruma cubbuu hojjetanii reeffi isaanii gammoojjii keessatti kukkufe sanatti mitii? 18 Yoo warruma ajajamuu didan sana taʼe malee Allaahan akka isaan gonkumaa boqonnaa isaatti hin galleef eenyu faatti kakate ree? 19 Kanaafuu akka isaan sababii amantii dhabuu isaaniitiif boqonnaa sanatti galuu hin dandaʼin argina.

Veja também

Publicidade
Hebreus
Ver todos os capítulos de Hebreus
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-