Pular para o conteúdo
Publicidade

Yaaʼikuub 2:1-9

Nama Wal caalchisuun Dhowwaa dha

1 Yaa obboloota ko, isin waan Gooftaa keenya kan ulfinaa Iisaa Al-Masiihitti amantaniif nama wal hin caalchisinaa. 2 Namni qubeelaa warqee kaaʼatee uffata bareedaas uffatu tokko gara wal gaʼii keessanii dhufa haa jennu; akkasumas hiyyeessi darsa uffatu ni dhufa haa jennu. 3 Isinis yoo namicha uffata bareedaa uffatu sanaaf ulfina addaa kennitanii, "Maaloo kottuu iddoo gaarii taaʼi!" jettan, yoo namicha hiyyeessa sanaan immoo, "Ati achi dhaabadhu" yookaan "Kottuutii miilla koo bira taaʼi!" jettan, 4 isin gidduu keessanitti garaa garummaa uumtanii warra yaada hamaan murteessitan hin taanee?

5 Yaa obboloota koo jaallatamoo, mee dhagaʼaa! Allaahan akka isaan amantiitti sooreyyii taʼanii fi akka isaan mootummaa inni warra isa jaallataniif waadaa gale sana dhaalaniif hiyyeeyyii addunyaa kanaa filateera mitii? 6 Isin garuu hiyyeeyyii salphiftaniirtu. Warri isin qisaasuutti jiran warruma sooreyyii sana mitii? Kanneen gara mana murtiitti isin harkisaa jiranis isaanuma mitii? 7 Maqaa kabajamaa isin ittiin waamamtan sanas kan arrabsan isaanuma mitii?

8 Seera mootii kan Katabbii Qulqulluu keessatti, "Ollaa kee garuu akka ofii keetti jaalladhu"2:8 Lew 19:18 jedhu sana yoo dhugumaan eegdan isin waan qajeelaa gochaa jirtu. 9 Yoo nama wal caalchiftan garuu isin cubbuu hojjettan; seera durattis akka seera cabsitootaatti isinitti murama.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.