Amantii fi Hojii
14 Yaa obboloota ko, namni tokko yoo, "Ani amantii qaba" jedhee garuu hojiin argisiisuu baate, kun faayidaa maalii qaba? Amantiin akkanaa isa fayyisuu dandaʼaa ree? 15 Fakkeenyaaf obboleessi tokko yookaan obboleettiin tokko uffataa fi waan guyyaa guyyaan nyaatan hin qaban haa jennu. 16 Isin keessaa yoo namni tokko, "Nagaan deemaa; isinitti haa hoʼu; quufaas" isaaniin jedhee garuu waan foon isaaniitiif barbaachisu tokko illee hin kenniniif, kun faayidaa maalii qaba ree? 17 Akkasumas amantiin hojiin hin mulʼifamne ofiinuu duʼaa dha.
18 Namni tokko garuu, "Ati amantii qabda; ani immoo hojii qaba" jedha.
Ati amantii kee hojii malee na argisiisi; anis hojii kootiin amantii koo sin argisiisa. 19 Akka Allaahan tokkichi jiru ati ni amanta. Kun gaarii dha! Hafuuronni hamoon iyyuu waan kana ni amanu; sodaadhaanis ni hollatu.
20 Yaa namicha gowwaa nana, ati akka amantiin hojii of keessaa hin qabne duʼaa taʼe beekuu barbaaddaa? 21 Abbaan keenya Ibraahim yommuu ilma isaa Yisihaaqin iddoo aarsaa irratti dhiʼeessetti waan hojjete sanaaf qajeelaa taʼee hin lakkaaʼamnee ree? 22 Akka amantiin isaatii fi hojiin isaa tokkummaan hojjechaa turan ni argita; waan inni hojjeteenis amantiin isaa guutuu taʼe. 23 Kanaanis wanni katabbii qulqulluu keessatti, "Ibraahim Allaah amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef"2:23 Uma 15:6 jedhu ni raawwatame; innis michuu Allaaha jedhame. 24 Egaa akka namni hojiidhaanis malee amantii qofaan qajeelaatti hin lakkaaʼamne ni argitu.
25 Akkasuma immoo sagaagaltuun Rahaab jedhamtu yommuu basaastota simattee karaa kaaniin isaan geggeessitetti waan hojjetteen qajeeltuutti hin lakkaaʼamnee ree? 26 Akkuma dhagni hafuura hin qabne duʼaa taʼe sana, amantiin hojii hin qabnes duʼaa dha.