11 Ayyaanni Allaaha kan fayyina fidu nama hundatti mulʼifameeraatii. 12 Ayyaanni kunis Allaah malee jiraachuu fi hawwii addunyaa ganuun bara kana keessa jireenya of qabiisaa, jireenya qajeelummaatii fi jireenya Allaahatti buluu akka jiraannu nu barsiisa; 13 kunis yommuu nu abdii keenya isa eebbifamaa jechuunis mulʼachuu ulfina Allaah keenya guddichaatii fi Fayyisaa keenya Iisaa Al-Masiihi eeggachaa jirrutti taʼa; 14 innis hammina hunda irraa nu furuu fi saba ofii isaa warra waan gaarii hojjechuuf hinaafan ofiif qulqulleeffachuuf jedhee of dabarsee nuuf kenneera.