Pular para o conteúdo
Publicidade

1 ቆሮንቶስ 6:15-20

ONOCV New Oromo Contemporary Version

15 እስን አከ ዸግንኬሰን ኩታ ዸግነ ክርስቶስ ተኤ ህንቤክተኒ? ዮስ አን ኩታ ዸግነ ክርስቶስ ፉዼ ኩታ ዸግነ ሰጋገልቱ ጎዹሬ? ጎንኩማ ህንተኡ! 16 እስን አከ ነምን ሰጋገልቱ ወጅን ወል ቁነምቲ ቀቡ ቶኮ እሼ ወጅን ዸግነ ቶኮ ተኡ ህንቤክተኒ? "ለማን እሳኒዩ ፎን ቶኮ ንተኡ"6፥16 ኡመ 2፥24 ጄዸሜራቲ። 17 ነምን ጎፍታ ወጅን ቶኮ ተኤ ገሩ ጎፍታ ወጅን ሀፉራን ቶኮ።

18 ሀለሉማራ በቀዻ። ነምን ጩቡ ብራ ሁንደ ዸግነሳቲ አለት ሆጄተ፤ ነምን ሀለሉማ ሆጄቱ ገሩ ዸግኑመ ኦፊሳት ጩቡ ሆጄተ። 19 እስን አከ ዸግንኬሰን መነ ቁልቁሉማ ሀፉረ ቁልቁሉ እስን ኬሰ ጅራቱ፣ ከን ዋቀራ አርገተን ሰና ተኤ ህንቤክተኒ? እስን ከን ኦፊኬሰኒ ምት፤ 20 እስን ገቲን ብተምተን፤ ከናፉ ዸግነኬሰኒን ዋቃፍ ኡልፍነ ኬና።

Em outras traduções

  1. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    15 Isin akka dhagni keessan kutaa dhagna Kiristoos taʼe hin beektanii? Yoos ani kutaa dhagna Kiristoos fuudhee kutaa dhagna sagaagaltuu godhuu ree? Gonkumaa hin taʼu! 16 Isin akka namni sagaagaltuu wajjin wal qunnamtii qabu tokko ishee wajjin dhagna tokko taʼu hin beektanii? "Lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu"6:16 Uma 2:24 jedhameeraatii. 17 Namni Gooftaa wajjin tokko taʼe garuu Gooftaa wajjin hafuuraan tokko.

    18 Halalummaa irraa baqadhaa. Namni cubbuu biraa hunda dhagna isaatii alatti hojjeta; namni halalummaa hojjetu garuu dhagnuma ofii isaatti cubbuu hojjeta. 19 Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Waaqa irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti; 20 isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Waaqaaf ulfina kennaa.

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    15 Isin akka dhagni keessan kutaa dhagna Al-Masiihii taʼe hin beektanii? Yoos ani kutaa dhagna Al-Masiihii fuudhee kutaa dhagna sagaagaltuu godhuu ree? Gonkumaa hin taʼu! 16 Isin akka namni sagaagaltuu wajjin wal qunnamtii qabu tokko ishee wajjin dhagna tokko taʼu hin beektanii? "Lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu"6:16 Uma 2:24 jedhameeraatii. 17 Namni Gooftaa wajjin tokko taʼe garuu Gooftaa wajjin hafuuraan tokko.

    18 Halalummaa irraa baqadhaa. Namni cubbuu biraa hunda dhagna isaatii alatti hojjeta; namni halalummaa hojjetu garuu dhagnuma ofii isaatti cubbuu hojjeta. 19 Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Allaah irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti; 20 isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Allaahaf ulfina kennaa.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.