Publicidade

1 Coríntios 6

15 Isin akka dhagni keessan kutaa dhagna Al-Masiihii taʼe hin beektanii? Yoos ani kutaa dhagna Al-Masiihii fuudhee kutaa dhagna sagaagaltuu godhuu ree? Gonkumaa hin taʼu! 16 Isin akka namni sagaagaltuu wajjin wal qunnamtii qabu tokko ishee wajjin dhagna tokko taʼu hin beektanii? "Lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu" jedhameeraatii. 17 Namni Gooftaa wajjin tokko taʼe garuu Gooftaa wajjin hafuuraan tokko.

18 Halalummaa irraa baqadhaa. Namni cubbuu biraa hunda dhagna isaatii alatti hojjeta; namni halalummaa hojjetu garuu dhagnuma ofii isaatti cubbuu hojjeta. 19 Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Allaah irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti; 20 isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Allaahaf ulfina kennaa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-