1 Yaa obboloota, ani yeroon gara keessan dhufetti, afaan toluun yookaan ogummaa guddaadhaan dhuga baʼumsa waaʼee Allaaha lallabaa hin dhufne. 2 Ani yeroon isin bira turetti Iisaa Al-Masiihii isa fannifame sana malee akka waan tokko illee hin beekne murteesseen tureetii. 3 Ani dadhabbiin, sodaa fi hollannaa guddaadhaan gara keessan dhufe. 4 Ergaan koo fi lallabni koo Hafuuraa fi humna argisiisuudhaan malee dubbii ogummaa fi sossobbii of keessaa qabuun hin turre; 5 kunis akka amantiin keessan humna Allaaha irratti malee ogummaa namaa irratti hin hundeeffamneef.
6 Haa taʼuu malee nu warra bilchaatan gidduutti ogummaa dubbanna; garuu ogummaa addunyaa kanaa yookaan ogummaa bulchitoota addunyaa kanaa kanneen baduuf jiranii miti. 7 Garuu nu ogummaa Allaaha, ogummaa dhokfamee ture, isa Allaahan uumama addunyaatiin dura ulfina keenyaaf jedhee murteesse sanaa icciitiidhaan dubbanna. 8 Bulchitoota addunyaa kanaa keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; isaan utuu hubatanii jiraatanii silaa Gooftaa ulfinaa hin fannisan tureetii. 9 Taʼu iyyuu akkuma,
"Waan Allaahan warra isa jaallataniif
qopheesse iji hin argine,
gurri hin dhageenye,
garaa namaattis hin yaadamne"
jedhamee barreeffame sana, 10 Allaahan garuu Hafuura isaatiin waan kana nutti mulʼiseera.
Hafuurri wantoota hunda, wantoota Allaaha kanneen gad fagoo taʼan illee ni qora. 11 Hafuura isa keessa jiru malee yaada nama tokkoo eenyutu beeka? Akkasuma immoo Hafuura Allaaha malee kan yaada Allaaha beeku tokko iyyuu hin jiru. 12 Nu akka waan Allaahan toluma nuu kenne hubannuuf Hafuura Allaah irraa dhufe arganne malee hafuura addunyaa hin arganne. 13 Wanni nu dubbannus kana; nu dubbii Hafuurri nu barsiisuun malee dubbii ogummaan namaa barsiisuun hin dubbannu; dhugaa Hafuuraas dubbii Hafuuraatiin ibsina. 14 Namni foonii wantoota Hafuura Allaaha hin fudhatu; kun isaaf gowwummaadhaatii; wantoonni Hafuuraa waan Hafuuraan qoramaniif inni hubachuu hin dandaʼu. 15 Namni Hafuuraa waan hundumaa ni qora; ofii isaatii garuu eenyuun iyyuu hin qoramu.
16 "Akka isa barsiisuuf,
eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke?"
Nu garuu yaada garaa Al-Masiihii qabna.