Publicidade

Isaías 64

1 Akka tulluuwwan fuula kee duratti raafamaniif,

maaloo ati utuu shamaayʼuniiwwan tarsaaftee gad buutee!

2 Akkuma ibiddi hanxaxii gubee, bishaan danfisu sana,

akka maqaan kee diinota kee biratti beekamuuf

gad buʼiitii akka saboonni fuula kee

duratti hollatan godhi!

3 Ati yeroo waan sodaachisaa nu hin yaadin hojjettetti gad buute;

tulluuwwanis fuula kee duratti hollatan.

4 Si malee Allaah warra isa abdataniif dhaabatu,

bara duriitii jalqabee namni tokko iyyuu hin dhageenye;

yookaan gurri tokko iyyuu hin qalbeeffanne;

iji tokko iyyuu hin argine.

5 Ati warra gammachuudhaan waan tolaa hojjetan

kanneen karaa kee yaadatan gargaaruuf ni dhufta.

Garuu yommuu nu ittuma fufnee

cubbuu hojjennetti ati ni dheekkamte.

Yoos nu akkamitti fayyuu dandeenya ree?

6 Hundi keenya akka nama qulqullina hin qabnee taaneerra;

hojiin qajeelummaa keenyaa hundis akka huccuu xuraaʼummaa ti;

hundi keenya akkuma baalaa coollagne;

cubbuun keenyas akkuma bubbee haxaaʼee nu fudhate.

7 Namni maqaa kee waammatu tokko iyyuu hin jiru;

yookaan namni si qabachuuf carraaqu hin jiru;

ati fuula kee nu dhokfattee

sababii cubbuu keenyaatiifis nu fixxeertaatii.

8 Taʼus yaa Rabbii Allaah, ati Abbaa keenya.

Nu suphee dha; ati immoo dhooftuu suphee ti;

hundi keenya hojii harka keetii ti.

9 Rabbii Allaah, ati akka malee hin dheekkamin;

cubbuu keenyas bara baraan hin yaadatin.

Maaloo si duratti duʼaa godhanna, fuula kee nuuf deebisi;

nu hundinuu saba keetii.

10 Magaalaawwan kee qulqulloonni onaniiru;

Xiyoon iyyuu onteerti; Yerusaalemis duwwaa hafteerti.

11 Manni qulqullummaa keenya qulqullichii fi ulfina qabeessi,

iddoon abbootiin keenya itti si galateeffatan sun ibiddaan gubameera;

wanni nu itti gammannu hundis barbadeeffameera.

12 Rabbii Allaah, ati wantoota kanneen hunda calʼuma jettee ilaaltaa?

Ati calʼistee akka malee nu adabdaa?

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-04_21-26-40-