1 Phaawulos isa akka malaʼikkaa Al-Masiihi Iisaa taʼuuf fedhii Allaahatiin waamamee fi obboleessa keenya Soosteenes irraa,
2 Gara waldaa Allaaha ishee Qorontos keessa jirtuutti, gara warra Al-Masiihii Iisaadhaan qulqulleeffamanii fi warra lafa hundaa kanneen maqaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii isa Gooftaa isaaniitii fi Gooftaa keenyas taʼe sanaa waammatan hunda wajjin qulqulloota taʼuuf waamamaniitti:
3 Ayyaannii fi nagaan Abbaa keenya Allaaha fi Iisaa Al-Masiihii Goofticha irraa isiniif haa taʼu.
4 Ani yeroo hunda ayyaana Allaaha isa Al-Masiihi Iisaadhaan isinii kennameef waaʼee keessaniif Allaah nan galateeffadha. 5 Isinis karaa hundaan jechuunis dubbii fi beekumsa hundaan isaan badhaataniirtu; 6 wanti nu waaʼee Al-Masiihii dhugaa baane sun isin gidduutti mirkaneeffameeraatii. 7 Kanaafuu utuu mulʼachuu Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii eeggachaa jirtanuu kennaan hafuuraa tokko iyyuu isin jalaa hin hirʼatu. 8 Akka isin guyyaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiitti warra mudaa hin qabne taataniifis inni hamma dhumaatti jabeessee isin eega. 9 Allaahan gara tokkummaa Ilma isaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiitti isin waame sun amanamaa dha.
10 Yaa obboloota, ani akka isin gidduu gargar baʼuun hin jiraannee fi akka qalbii fi yaada tokko qabaattanii hundi keessan walii galtaniif maqaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin isin kadhadha. 11 Yaa obboloota ko, akka isin gidduu lolli jiru warri mana Kiloʼee jiraatan tokko tokko natti himaniiru. 12 Wanti ani jedhus kana: Isin keessaa namni tokko, "Ani kan Phaawulos" jedha; inni kaan, "Ani kan Apholoos" jedha; kaanis, "Ani kan Keefaa ti" jedha; kaan immoo, "Ani kan Al-Masiihii" jedha.
13 Al-Masiihiin gargar qoodameeraa? Phaawulositu isinii fannifame ree? Yookaan maqaa Phaawulosiin cuuphamtanii? 14 Ani Kiriisphoosii fi Gaayoosin malee isin keessaa nama tokko illee waan hin cuuphiniif Allaah nan galateeffadha. 15 Kanaaf namni akka isin maqaa kootiin cuuphamtan dubbachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. 16 Eeyyee, ani warra mana Isxiifaanaas jiraatanis akkasuma cuupheera; sanaan alatti nama biraa tokko illee cuuphuu koo hin yaadadhu. 17 Al-Masiihiin akka ani injiila lallabuuf malee akka ani cuuphuuf na hin ergineetii; anis akka fannoon Al-Masiihii humna hin dhabneef dubbii ogummaa namaatiin hin lallabu.
18 Dubbiin fannoo warra baduuf jiraniif gowwummaadhaatii; nu warra fayyinuuf garuu humna Allaaha ti. 19 Kunis,
"Ani ogummaa ogeeyyii nan balleessa;
hubannaa hubattootaas nan fashaleessa"
jedhamee barreeffameera.
20 Namni ogeessi eessa jira? Hayyuun eessa jira? Falaasamaan bara kanaa eessa jira? Allaahan ogummaa addunyaa kanaa gowwummaa hin goonee ree? 21 Sababii ogummaa Allaahatiin addunyaan karaa ogummaa isheetiin Allaah waan hin beekiniif, Allaahan gowwummaa lallabaatiin warra amanan fayyisuu jaallate. 22 Yihuudoonni mallattoo fedhu; Giriikonni immoo ogummaa barbaadu; 23 nu garuu Al-Masiihii isa fannifame sana lallabna; innis Yihuudootatti gufuu dha; Namoota Ormaatiif immoo gowwummaa dha; 24 warra waamamaniif garuu Yihuudootaafis taʼu Giriikotaaf Al-Masiihiin humna Allaahatii fi ogummaa Allaaha ti. 25 Gowwummaan Allaaha ogummaa namaa caalaa ogeessaatii; dadhabbiin Allaahas jabina namaa irra jabaa dha.
26 Yaa obboloota, isin yeroo waamamtanitti maal akka turtan yaadadhaa. Akka ilaalcha namaatti baayʼeen keessan ogeeyyii hin turre; baayʼeen keessanis beekamoo hin turre; baayʼeen keessan immoo sanyii warra gurguddaa irraa hin dhalanne. 27 Allaahan garuu ogeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti gowwaa taʼe filate; Allaahan warra jajjabeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti dadhabaa taʼe filate. 28 Allaahan waan jiru waan hin jirre gochuuf, waan addunyaa kana irratti gad aanaa fi tuffatamaa taʼe, waan iddoo hin qabnes filate; 29 kunis akka eenyu iyyuu isa duratti of hin jajneef. 30 Isin sababii isaatiin kan Al-Masiihii Iisaa taatan; inni ogummaa keenya kan Allaah biraa dhufe jechuunis qajeelummaa keenya, qulqullummaa fi furii keenyaa dha. 31 Kunis akkuma, "Namni boonu Gooftaadhaan haa boonu" jedhamee barreeffamee dha.