Publicidade

1 Coríntios 8

Nyaata Waaqeffatamtoota Tolfamoof Dhiʼeeffame

1 Waaʼee nyaata waaqeffatamtoota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamee akka nu hundinuu beekumsa qabnu beekna. Beekumsi of nama tuulchisa; jaalalli garuu nama ijaara. 2 Namni waan waa beeku of seʼu inni amma illee akka beekuun isa irra jirutti hin beeku. 3 Namni Allaah jaallatu garuu Allaahan beekameera.

4 Egaa waaʼee nyaata waaqeffatamtoota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaachuu irratti, "Akka addunyaa kana irratti Allaahan tolfamaan homaa hin fayyadne, Allaah tokkicha malees akka Allaahan biraa hin jirre" beekna. 5 Dhugumaan akkuma waaqeffatamtoonni baayʼeenii fi gooftonni baayʼeen jiran sana wantoonni waaqeffatamtoota jedhaman shamaayʼun irra yookaan lafa irra jiraatan iyyuu, 6 garuu Allaah tokkicha, Abbaa, kan wanni hundi isa biraa dhufe, kan nus isaaf jiraannu qabna; akkasumas Gooftaa tokkicha, Iisaa Al-Masiihi kan wanni hundi karaa isaatiin dhufee fi kan nuus karaa isaatiin jiraannutu jira.

7 Garuu namni beekumsa kana qabu nama hunda miti. Namoonni tokko tokko waaqeffatamtoota tolfamoo waan baraniif yommuu nyaata akkanaa nyaatanitti akka waan waaqeffatamaaf dhiʼeeffameetti hedu; yaadni garaa isaaniis waan dadhabaa taʼeef ni xuraaʼa. 8 Nyaanni garuu Allaahatti nu hin dhiʼeessu; yoo nyaachuu baanne wanni nutti hammaatu, yoo nyaannes wanni nutti tolu hin jiru.

9 Taʼus akka mirgi keessan kun warra dadhabootti gufuu hin taaneef of eeggadhaa. 10 Namni yaada dadhabaa qabu tokko yoo utuu ati iyyuu namni beekumsa qabdu mana qulqullummaa waaqeffatamaa tolfamaa keessatti nyaattuu si arge inni waan waaqeffatamtoota tolfamoof dhiʼeeffame sana nyaachuuf ija hin jabaatuu? 11 Akkasiin obboleessi dadhabaan Al-Masiihiin isaaf jedhee duʼe kun beekumsa keetiin bada. 12 Isinis yoo karaa kanaan obboloota keessanitti cubbuu hojjettan, yaada isaanii isa dadhabaas yoo madeessitan, isin Al-Masiihitti cubbuu hojjettu. 13 Kanaafuu yoo wanni ani nyaadhu obboleessa koo gufachiise, ani akka obboleessi koo hin gufanneef gonkumaa deebiʼee foon hin nyaadhu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-